Muusaan yeroma dallanaa gaddaa gara ummata isaa deebi’u "wanti isin ana booda na bakka buuftan fokkate; sila ajaja Gooftaa keessanii ariifachiifattani moo?" jedheLoohiiwwanis darbee mataa obboleessa isaa kan harkisu ta'ee ofitti qabe(Obboleessis) "Yaa ilma haadha kiyyaa! Ummanni na hacuucanii anas ajjeesuuf dhihaataniKanaafuu diina natti hin gammachiisinUmmata miidhaa raawwattoota wajjinis na hin godhin" jedhe.