Muusaanis ummata isaa irraa namoota torbaatama beellama keenyaaf filateYeroo sochiin (kirkirri) lafaa isaan qabattu, (Muusaan) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Odoo feetee kana dura isaaniifi anas ni balleessita tureSila waan gowwoonni nurraa ta’an dalaganiin nu balleessitaa? Isheen (fitnattiin) mokkoroodhuma keeti malee homaa mitiIsheedhaan nama feete jalliftee nama feete immoo qajeelchitaAti gargaaraa keenyaNuufis araaramiRahmatas nuuf godhiAti caalaa warra araaramaniiti.