Ummata gosa kudha lama goonee isaan qoqqoodneGara Muusattis, yeroo namoonni isaa dhugaatii isa gaafatan "Ulee keetiin dhagaa rukuti" jechuu beeksifneIsa irraas burqituu kudha lamatu madditeNamoonni hunduu iddoo irraa dhugan ni beekanDuumessa isaan irratti gaaddiseessine'Mannii'fi 'salwiis' isaan irratti buufne: "Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa" (jenneen)Isaan Nu hin miine; garuu isaan lubbuu isaanii miidhaa turan.