Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugda isaanii irraa sanyii isaanii baaseefi "Ani Gooftaa keessanii mitii?" jechuun lubbuu isaanii irratti ragaa isaan godhe [yaadadhu]Isaanis "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhanKunis akka isin Guyyaa Qiyaamaa "Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre" hin jenneefi.