Ergamoonni isaaniis ni jedhan: “Sila Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan badii keessan irraa isiniif araaramuufi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu (jiraachuu isaa) keessa shakkiin jiraa?” [Isaan] “Isin namuma akka keenyaa kan waan abbootiin keenya gabbaraa turan irraa nu dhorguu barbaadu malee homaa hin taane; mee ragaa ifa ta’een nutti kottaa” jedhan.


الصفحة التالية
Icon