Kan Inni isin irratti dhorgamaa taasise baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhame qofaNamni odoo halaalli mijaa’uu haraamatti darbuufi nyaata isaa keessatti daangaa darbuun maleetti rakkifame badiin isarra hin jiruDhugumatti, Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.