Isaan kafaran gara jahannam gareen ta’anii oofamu; yeroo ishee bira ga’an balballi ishee banamteeti, waardiyoonni ishee “sila ergamtoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisaniifi wal ga’ii guyyaa keessanii kana isin sodaachisan isinitti hin dhufnee?” isaaniin jedhan[Isaan] “eeyyee (dhufaniiru), garuu jecha adabaatu kaafiroota irratti mirkanaa’e” jedhan.


الصفحة التالية
Icon