Sila Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti, Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin argamu, giddu namoota shaniittis Inni jahaffaa isaanii ta'u malee, giddu namoota sanaa gadiis ta'ee kan sanaa olii iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee (hin argamu)Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti beekaadha.


الصفحة التالية
Icon