Yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluu gara Rabbiitti deebi'aaGuyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin hoongessine san Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelamaHaala isaan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti danda'aa dha" jedhanuun ifti isaanii fuuldura isaaniitiifi mirga isaanii deema.


الصفحة التالية
Icon