Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuula keessaniifi harka keessan hanga ciqileetti dhiqadhaaMataa keessaniis haxaa'aa; Luka keessanis hanga koronyootti (dhiqaa)Yoo janaabaa taatan (bishaan saalaa isin irraa dhangala’e) dhiqadhaaYoo dhukkubsatoo taatan yookiin imala irra jiraattan yookiin tokkoon keessan mana fincaanii irraa dhufe yookiin yoo dubartiin wal tuqxanii (qunnamtii saalaa gootanii), ergasii bishaan hin argatin dachii (biyyee) qulqulluu barbaaddadhaa (tayammuma godhadhaa)Isa irraas fuula keessaniifi harka keessan haxaa'aaRabbiin rakkina tokkollee isin irra fiduu hin fedhuGaruu akka isin galateeffattaniif jecha isin qulquleessuufi ni’imaa Isaa isin iraatti guutuu fedha.


الصفحة التالية
Icon