Yaa ergamichaa! Isaan afaaniin amanne jedhanii onneen isaanii immoo hin amanin irraa warri kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisinIsaan yahuudoman irraas kan kijibaaf dhaggeeffatanu, ummata biraa kan gara kee hin dhufiniif dhaggeeffatantu jiruJechootas bakka isaa irraa jijjiiru"Yoo kana kennamtaniif isa qabadhaa; yoo isa hin kennamin immoo eeggadhaa" jedhuNama Rabbiin mokkoroo isaa fedhe Rabbi irraa waan tokko isaaf hin deebiftuSunniin warra Rabbiin onnee isaanii qulqulleessuu hin fedhiniAddunyaa kanatti salphinatu isaaniif jira; Aakhiraatti immoo adabbii guddaa ta’etu isaaniif jira.


الصفحة التالية
Icon