Jedhi: "Sila kan adabbiin isaa Rabbiin biratti san caalaa badaa ta’e isiniif himuu? Namni Rabbiin isa abaareefi isa irratti dallane, kan isaan irraa gara jaldeessaafi booyyetti jijjiire, isaan xaaghuuta (gabbaramtoota Rabbiin alaa) gabbaran, isaan sun warra (Aakhiratti) iddoon isaanii badaa ta'eefi irra jallatoowwan karaati."