Inni Isa samii irraa bishaan buuseIsaanis biqilaa waan hundaa baafnee, isa irraahis magariisa baafneIsa irraa firii wal koraa, muka Timiraa irraa, daraaraa ishee irraa yudoo dhihoo taate, ashaakiltii inaba irraa ta'e, zaytuuna, rummaana wal fakkaataafi wal fakkaataa hin taane baafnaMee gara oomisha isaa yeroo inni fireesseefi (gara) bilchina isaas ilaalaaDhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattoowwantu jira.