Guyyaa hunda isaanii walitti qabee "Yaa garee jinnootaa! Namoota daneeffattanii jirtu" (jedhuun yaadadhu)Jaalalleen isaanii kan namoota irraa ta’anis "Gooftaa keenya! gariin keenya gariitti fayyadamne; beellama keenya Ati nuuf beellamtes geenyee jirra" jedhu"Hangi Rabbiin fedhe qofti odoo hafuu, Ibiddi keessatti hafoo taatanii qubannaa keessani" jedhaDhugumatti Gooftaan kee ogeessa, beekaadha.