Rabbiin isa ashaakiltii sireen godhamuufiifi sireen hin godhamneef uumeedhaMuka timiraa, sanyii dhandhamni wal dhabaa ta'e, Zaytuunaafi Rummaana wal fakkaataniifi wal hin fakkaannes (kan uumee dha)Firee isaa irraa yeroo inni fireesse nyaadhaa; guyyaa haamama isaas haqa isaa (zakaa) kennaa(Kennaan) daangaa hin dabrinaaDhugumatti, Inni warra daangaa dabran hin jaalatu.