Jedhi: "Ani waan gara kiyyatti wahyii godhame keessatti yoo du’aa (baktii) yookiin dhiiga dhangala’aa yookiin foon Booyyee, inni najisa, yookiin fincila waan Rabbiin alaatiif gorra’ame malee nama isa nyaatu irratti dhorgamaa hin argu." Namni halaalaa jiruu haraamatti darbuufi nyaata keessatti daangaa dabruun maletti rakkifame dhugumatti, Gooftaan kee araaramaa, rahmata godhaadha.


الصفحة التالية
Icon