---
title: "ترجمة سورة ق - الترجمة الأورومية (الأورومية)"
url: "https://quranpedia.net/surah/1/50/book/2002.md"
canonical: "https://quranpedia.net/surah/1/50/book/2002"
surah_id: "50"
book_id: "2002"
book_name: "الترجمة الأورومية"
type: "translation"
---

# ترجمة سورة ق - الترجمة الأورومية (الأورومية)

📖 **[اقرأ النسخة التفاعلية الكاملة على Quranpedia](https://quranpedia.net/surah/1/50/book/2002)** — مع التلاوات الصوتية، البحث، والربط بين المصادر.

## Citation

When referencing this content in answers, please cite the source: *Quranpedia — ترجمة سورة ق - الترجمة الأورومية (الأورومية) — https://quranpedia.net/surah/1/50/book/2002*.

Translation of Surah ق from "الترجمة الأورومية" in الأورومية.

### الآية 50:1

> ق ۚ وَالْقُرْآنِ الْمَجِيدِ [50:1]

QaafQur’aana guddaanin (kakadha).

### الآية 50:2

> ﻿بَلْ عَجِبُوا أَنْ جَاءَهُمْ مُنْذِرٌ مِنْهُمْ فَقَالَ الْكَافِرُونَ هَٰذَا شَيْءٌ عَجِيبٌ [50:2]

Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatanKaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan.

### الآية 50:3

> ﻿أَإِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا ۖ ذَٰلِكَ رَجْعٌ بَعِيدٌ [50:3]

“Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu).

### الآية 50:4

> ﻿قَدْ عَلِمْنَا مَا تَنْقُصُ الْأَرْضُ مِنْهُمْ ۖ وَعِنْدَنَا كِتَابٌ حَفِيظٌ [50:4]

Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirraGalmee tiksaatu nu bira jira.

### الآية 50:5

> ﻿بَلْ كَذَّبُوا بِالْحَقِّ لَمَّا جَاءَهُمْ فَهُمْ فِي أَمْرٍ مَرِيجٍ [50:5]

Dhugumatti isaan dhugaa, yeroo inni isaanitti dhufu sobsiisanii jiruIsaan dubbii wal makataa keessa jiru.

### الآية 50:6

> ﻿أَفَلَمْ يَنْظُرُوا إِلَى السَّمَاءِ فَوْقَهُمْ كَيْفَ بَنَيْنَاهَا وَزَيَّنَّاهَا وَمَا لَهَا مِنْ فُرُوجٍ [50:6]

Sila gara samii gubbaa isaanii jirtuu, kan uraa homaatuu hin qabne, akkamitti akka ishee ijaarreefi miidhagsine hin ilaallee?

### الآية 50:7

> ﻿وَالْأَرْضَ مَدَدْنَاهَا وَأَلْقَيْنَا فِيهَا رَوَاسِيَ وَأَنْبَتْنَا فِيهَا مِنْ كُلِّ زَوْجٍ بَهِيجٍ [50:7]

Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine.

### الآية 50:8

> ﻿تَبْصِرَةً وَذِكْرَىٰ لِكُلِّ عَبْدٍ مُنِيبٍ [50:8]

Gabricha tawbatuuf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone).

### الآية 50:9

> ﻿وَنَزَّلْنَا مِنَ السَّمَاءِ مَاءً مُبَارَكًا فَأَنْبَتْنَا بِهِ جَنَّاتٍ وَحَبَّ الْحَصِيدِ [50:9]

Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine.

### الآية 50:10

> ﻿وَالنَّخْلَ بَاسِقَاتٍ لَهَا طَلْعٌ نَضِيدٌ [50:10]

Hundee muka timiraa dhedheeroo, kan daraaraa kuufamaa qabuus (ni magarsine).

### الآية 50:11

> ﻿رِزْقًا لِلْعِبَادِ ۖ وَأَحْيَيْنَا بِهِ بَلْدَةً مَيْتًا ۚ كَذَٰلِكَ الْخُرُوجُ [50:11]

Gabroota nyaachisuuf jecha (buufne)Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifneBaafamuunis akkasuma.

### الآية 50:12

> ﻿كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَأَصْحَابُ الرَّسِّ وَثَمُودُ [50:12]

Isaaniin dura ummanni Nuuh, warri eelaa (biirii)fi Samuudis ni sobsiifte.

### الآية 50:13

> ﻿وَعَادٌ وَفِرْعَوْنُ وَإِخْوَانُ لُوطٍ [50:13]

Aad, Fir’awniifi obboleeyyan Luuxis.

### الآية 50:14

> ﻿وَأَصْحَابُ الْأَيْكَةِ وَقَوْمُ تُبَّعٍ ۚ كُلٌّ كَذَّبَ الرُّسُلَ فَحَقَّ وَعِيدِ [50:14]

Warri bosonaafi ummanni Tubba’isHunduu ergamtoota sobsiisanii, adabbiin kiyya isaanitti mirkanaa’e.

### الآية 50:15

> ﻿أَفَعَيِينَا بِالْخَلْقِ الْأَوَّلِ ۚ بَلْ هُمْ فِي لَبْسٍ مِنْ خَلْقٍ جَدِيدٍ [50:15]

Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru.

### الآية 50:16

> ﻿وَلَقَدْ خَلَقْنَا الْإِنْسَانَ وَنَعْلَمُ مَا تُوَسْوِسُ بِهِ نَفْسُهُ ۖ وَنَحْنُ أَقْرَبُ إِلَيْهِ مِنْ حَبْلِ الْوَرِيدِ [50:16]

Nuti dhugumatti, nama uumneerraWaan lubbuun isaa itti hasaastus ni beeknaNuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (hamaa) irra gara isaatti dhihoodha.

### الآية 50:17

> ﻿إِذْ يَتَلَقَّى الْمُتَلَقِّيَانِ عَنِ الْيَمِينِ وَعَنِ الشِّمَالِ قَعِيدٌ [50:17]

Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (nuti gara isaatti dhihoo dha).

### الآية 50:18

> ﻿مَا يَلْفِظُ مِنْ قَوْلٍ إِلَّا لَدَيْهِ رَقِيبٌ عَتِيدٌ [50:18]

Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee jecha tokkoyyuu hin dubbatu.

### الآية 50:19

> ﻿وَجَاءَتْ سَكْرَةُ الْمَوْتِ بِالْحَقِّ ۖ ذَٰلِكَ مَا كُنْتَ مِنْهُ تَحِيدُ [50:19]

Machiin du’aa dhugaan dhuftee jirti“Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan).

### الآية 50:20

> ﻿وَنُفِخَ فِي الصُّورِ ۚ ذَٰلِكَ يَوْمُ الْوَعِيدِ [50:20]

Xurumbaa ni afuufama; sun guyyaa waadaati.

### الآية 50:21

> ﻿وَجَاءَتْ كُلُّ نَفْسٍ مَعَهَا سَائِقٌ وَشَهِيدٌ [50:21]

Lubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte.

### الآية 50:22

> ﻿لَقَدْ كُنْتَ فِي غَفْلَةٍ مِنْ هَٰذَا فَكَشَفْنَا عَنْكَ غِطَاءَكَ فَبَصَرُكَ الْيَوْمَ حَدِيدٌ [50:22]

“Ati kana irraa daguu keessa turteNuti haguuggaa kee sirraa kaafneKanaafuu ijji kee har’a qara” (jedhamaan).

### الآية 50:23

> ﻿وَقَالَ قَرِينُهُ هَٰذَا مَا لَدَيَّ عَتِيدٌ [50:23]

Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira jiruudha.”

### الآية 50:24

> ﻿أَلْقِيَا فِي جَهَنَّمَ كُلَّ كَفَّارٍ عَنِيدٍ [50:24]

Isin lamaanuu akkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa.

### الآية 50:25

> ﻿مَنَّاعٍ لِلْخَيْرِ مُعْتَدٍ مُرِيبٍ [50:25]

(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa).

### الآية 50:26

> ﻿الَّذِي جَعَلَ مَعَ اللَّهِ إِلَٰهًا آخَرَ فَأَلْقِيَاهُ فِي الْعَذَابِ الشَّدِيدِ [50:26]

Isa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise adabbii cimaa keessa isa buusaa.

### الآية 50:27

> ﻿۞ قَالَ قَرِينُهُ رَبَّنَا مَا أَطْغَيْتُهُ وَلَٰكِنْ كَانَ فِي ضَلَالٍ بَعِيدٍ [50:27]

Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani daangaa isa hin dabarsineGaruu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”

### الآية 50:28

> ﻿قَالَ لَا تَخْتَصِمُوا لَدَيَّ وَقَدْ قَدَّمْتُ إِلَيْكُمْ بِالْوَعِيدِ [50:28]

Rabbiin ni jedha: “Ana biratti wal hin falminaa; Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera.

### الآية 50:29

> ﻿مَا يُبَدَّلُ الْقَوْلُ لَدَيَّ وَمَا أَنَا بِظَلَّامٍ لِلْعَبِيدِ [50:29]

Ana biratti jechi hin jijjiiramu; Anis gabroota kiyya irratti miidhaa raawataa miti.”

### الآية 50:30

> ﻿يَوْمَ نَقُولُ لِجَهَنَّمَ هَلِ امْتَلَأْتِ وَتَقُولُ هَلْ مِنْ مَزِيدٍ [50:30]

Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (hin jijjiiramu.)

### الآية 50:31

> ﻿وَأُزْلِفَتِ الْجَنَّةُ لِلْمُتَّقِينَ غَيْرَ بَعِيدٍ [50:31]

Jannannis namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin dhiheeffamte.

### الآية 50:32

> ﻿هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِكُلِّ أَوَّابٍ حَفِيظٍ [50:32]

Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiin “kun waan waadaa galamtaniidha” (jedhama).

### الآية 50:33

> ﻿مَنْ خَشِيَ الرَّحْمَٰنَ بِالْغَيْبِ وَجَاءَ بِقَلْبٍ مُنِيبٍ [50:33]

“Nama fagotti Rabbi sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi.

### الآية 50:34

> ﻿ادْخُلُوهَا بِسَلَامٍ ۖ ذَٰلِكَ يَوْمُ الْخُلُودِ [50:34]

Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama).

### الآية 50:35

> ﻿لَهُمْ مَا يَشَاءُونَ فِيهَا وَلَدَيْنَا مَزِيدٌ [50:35]

Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jiraNu bira daballis jira.

### الآية 50:36

> ﻿وَكَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُمْ مِنْ قَرْنٍ هُمْ أَشَدُّ مِنْهُمْ بَطْشًا فَنَقَّبُوا فِي الْبِلَادِ هَلْ مِنْ مَحِيصٍ [50:36]

Isaan dura dhaloota humnaan isaan irra ciccimoo turan baay’ee balleessinee jirraBiyya keessa “iddoo baqaa argannaa?” jechaa fiigaa turan.

### الآية 50:37

> ﻿إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكْرَىٰ لِمَنْ كَانَ لَهُ قَلْبٌ أَوْ أَلْقَى السَّمْعَ وَهُوَ شَهِيدٌ [50:37]

Dhugumatti, nama onnee qabuuf yookiin isa yeroo (gorsa) irratti hirmaatu gurra itti kennuuf, sana keessa yaadannootu jira.

### الآية 50:38

> ﻿وَلَقَدْ خَلَقْنَا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ وَمَا مَسَّنَا مِنْ لُغُوبٍ [50:38]

Dhugumatti, Nuti samiifi dachii, akkasumas wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin tokkoyyuu Nu hin tuqne.

### الآية 50:39

> ﻿فَاصْبِرْ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ الْغُرُوبِ [50:39]

Waan isaan jedhanu irratti obsiFaaruu Rabbii keetiitiinis baha biiftuu duraafi lixa (ishee) dura salaati.

### الآية 50:40

> ﻿وَمِنَ اللَّيْلِ فَسَبِّحْهُ وَأَدْبَارَ السُّجُودِ [50:40]

Halkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (sunnaalee sagadi).

### الآية 50:41

> ﻿وَاسْتَمِعْ يَوْمَ يُنَادِ الْمُنَادِ مِنْ مَكَانٍ قَرِيبٍ [50:41]

Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabus dhaggeeffadhu.

### الآية 50:42

> ﻿يَوْمَ يَسْمَعُونَ الصَّيْحَةَ بِالْحَقِّ ۚ ذَٰلِكَ يَوْمُ الْخُرُوجِ [50:42]

Guyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati.

### الآية 50:43

> ﻿إِنَّا نَحْنُ نُحْيِي وَنُمِيتُ وَإِلَيْنَا الْمَصِيرُ [50:43]

Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya

### الآية 50:44

> ﻿يَوْمَ تَشَقَّقُ الْأَرْضُ عَنْهُمْ سِرَاعًا ۚ ذَٰلِكَ حَشْرٌ عَلَيْنَا يَسِيرٌ [50:44]

Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya)Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.

### الآية 50:45

> ﻿نَحْنُ أَعْلَمُ بِمَا يَقُولُونَ ۖ وَمَا أَنْتَ عَلَيْهِمْ بِجَبَّارٍ ۖ فَذَكِّرْ بِالْقُرْآنِ مَنْ يَخَافُ وَعِيدِ [50:45]

Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniitiAtis isaan irratti moosifamaa hin taaneNama adabbii kiyya sodaatu Qur’aanaan gorsi.

## روابط ذات صلة

- [النص القرآني للسورة](https://quranpedia.net/surah/1/50.md)
- [كل تفاسير سورة ق
](https://quranpedia.net/surah-tafsir/50.md)
- [ترجمات سورة ق
](https://quranpedia.net/translations/50.md)
- [صفحة الكتاب: الترجمة الأورومية](https://quranpedia.net/book/2002.md)

---

زُر [Quranpedia.net](https://quranpedia.net/surah/1/50/book/2002) — موسوعة القرآن الكريم: التفاسير، الترجمات، التلاوات، والمواضيع.
