---
title: "ترجمة سورة النبأ - الترجمة الأورومية (الأورومية)"
url: "https://quranpedia.net/surah/1/78/book/2002.md"
canonical: "https://quranpedia.net/surah/1/78/book/2002"
surah_id: "78"
book_id: "2002"
book_name: "الترجمة الأورومية"
type: "translation"
---

# ترجمة سورة النبأ - الترجمة الأورومية (الأورومية)

📖 **[اقرأ النسخة التفاعلية الكاملة على Quranpedia](https://quranpedia.net/surah/1/78/book/2002)** — مع التلاوات الصوتية، البحث، والربط بين المصادر.

## Citation

When referencing this content in answers, please cite the source: *Quranpedia — ترجمة سورة النبأ - الترجمة الأورومية (الأورومية) — https://quranpedia.net/surah/1/78/book/2002*.

Translation of Surah النبأ from "الترجمة الأورومية" in الأورومية.

### الآية 78:1

> عَمَّ يَتَسَاءَلُونَ [78:1]

\[Warri hin amanin\] maal irraa wal gaafatuu?

### الآية 78:2

> ﻿عَنِ النَّبَإِ الْعَظِيمِ [78:2]

Oduu guddaa irraa \[wal gaafatu

### الآية 78:3

> ﻿الَّذِي هُمْ فِيهِ مُخْتَلِفُونَ [78:3]

Isa isaan isa keessatti wal dhaban \[irraayi\].

### الآية 78:4

> ﻿كَلَّا سَيَعْلَمُونَ [78:4]

Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru

### الآية 78:5

> ﻿ثُمَّ كَلَّا سَيَعْلَمُونَ [78:5]

Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.

### الآية 78:6

> ﻿أَلَمْ نَجْعَلِ الْأَرْضَ مِهَادًا [78:6]

Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?

### الآية 78:7

> ﻿وَالْجِبَالَ أَوْتَادًا [78:7]

Gaarreenis shikaala \[hin goonee\]?

### الآية 78:8

> ﻿وَخَلَقْنَاكُمْ أَزْوَاجًا [78:8]

Cimdiis goonee isin uumne.

### الآية 78:9

> ﻿وَجَعَلْنَا نَوْمَكُمْ سُبَاتًا [78:9]

Hirriba keessan boqonnaa goone.

### الآية 78:10

> ﻿وَجَعَلْنَا اللَّيْلَ لِبَاسًا [78:10]

Halkan uffata goone.

### الآية 78:11

> ﻿وَجَعَلْنَا النَّهَارَ مَعَاشًا [78:11]

Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone.

### الآية 78:12

> ﻿وَبَنَيْنَا فَوْقَكُمْ سَبْعًا شِدَادًا [78:12]

Gubbaa keessanittis \[samii\] jajjaboo torba ijaarre.

### الآية 78:13

> ﻿وَجَعَلْنَا سِرَاجًا وَهَّاجًا [78:13]

Ifaa boba'aas uumne.

### الآية 78:14

> ﻿وَأَنْزَلْنَا مِنَ الْمُعْصِرَاتِ مَاءً ثَجَّاجًا [78:14]

Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne.

### الآية 78:15

> ﻿لِنُخْرِجَ بِهِ حَبًّا وَنَبَاتًا [78:15]

Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha \[buufne\]

### الآية 78:16

> ﻿وَجَنَّاتٍ أَلْفَافًا [78:16]

Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes.

### الآية 78:17

> ﻿إِنَّ يَوْمَ الْفَصْلِ كَانَ مِيقَاتًا [78:17]

Dhugumatti, guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e.

### الآية 78:18

> ﻿يَوْمَ يُنْفَخُ فِي الصُّورِ فَتَأْتُونَ أَفْوَاجًا [78:18]

\[Guyyaan sun\] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha.

### الآية 78:19

> ﻿وَفُتِحَتِ السَّمَاءُ فَكَانَتْ أَبْوَابًا [78:19]

\[Guyyaa\] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha.

### الآية 78:20

> ﻿وَسُيِّرَتِ الْجِبَالُ فَكَانَتْ سَرَابًا [78:20]

Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate.

### الآية 78:21

> ﻿إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتْ مِرْصَادًا [78:21]

Dhugumatti jahannam waldaa taateetti

### الآية 78:22

> ﻿لِلطَّاغِينَ مَآبًا [78:22]

Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti.

### الآية 78:23

> ﻿لَابِثِينَ فِيهَا أَحْقَابًا [78:23]

Yeroo dheeraaf ishee keessa turu.

### الآية 78:24

> ﻿لَا يَذُوقُونَ فِيهَا بَرْدًا وَلَا شَرَابًا [78:24]

Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu.

### الآية 78:25

> ﻿إِلَّا حَمِيمًا وَغَسَّاقًا [78:25]

Bishaan akkaan danfaafi malaa malee \[dhugaatii biraa hin argatanu\]

### الآية 78:26

> ﻿جَزَاءً وِفَاقًا [78:26]

Mindaa wal madaalu \[mindeeffaman\].

### الآية 78:27

> ﻿إِنَّهُمْ كَانُوا لَا يَرْجُونَ حِسَابًا [78:27]

Isaan qormaata hin sodaatanu turan.

### الآية 78:28

> ﻿وَكَذَّبُوا بِآيَاتِنَا كِذَّابًا [78:28]

Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan.

### الآية 78:29

> ﻿وَكُلَّ شَيْءٍ أَحْصَيْنَاهُ كِتَابًا [78:29]

Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne.

### الآية 78:30

> ﻿فَذُوقُوا فَلَنْ نَزِيدَكُمْ إِلَّا عَذَابًا [78:30]

“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” \[isaaniin jedhama\].

### الآية 78:31

> ﻿إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ مَفَازًا [78:31]

Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.

### الآية 78:32

> ﻿حَدَائِقَ وَأَعْنَابًا [78:32]

Ashaakiltiifi inabatu \[jira\].

### الآية 78:33

> ﻿وَكَوَاعِبَ أَتْرَابًا [78:33]

Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu \[jiru\].

### الآية 78:34

> ﻿وَكَأْسًا دِهَاقًا [78:34]

Geeba (xoofoo) guutamtuu.

### الآية 78:35

> ﻿لَا يَسْمَعُونَ فِيهَا لَغْوًا وَلَا كِذَّابًا [78:35]

Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu.

### الآية 78:36

> ﻿جَزَاءً مِنْ رَبِّكَ عَطَاءً حِسَابًا [78:36]

Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa \[mindeeffaman\].

### الآية 78:37

> ﻿رَبِّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا الرَّحْمَٰنِ ۖ لَا يَمْلِكُونَ مِنْهُ خِطَابًا [78:37]

Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e \[irraa mindeeffaman\]Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu.

### الآية 78:38

> ﻿يَوْمَ يَقُومُ الرُّوحُ وَالْمَلَائِكَةُ صَفًّا ۖ لَا يَتَكَلَّمُونَ إِلَّا مَنْ أَذِنَ لَهُ الرَّحْمَٰنُ وَقَالَ صَوَابًا [78:38]

Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu.

### الآية 78:39

> ﻿ذَٰلِكَ الْيَوْمُ الْحَقُّ ۖ فَمَنْ شَاءَ اتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِ مَآبًا [78:39]

Sun guyyaa \[dhufaatiin isaa\] haqaatiNamni fedhe \[hojii gaarii hojjachuun\] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata.

### الآية 78:40

> ﻿إِنَّا أَنْذَرْنَاكُمْ عَذَابًا قَرِيبًا يَوْمَ يَنْظُرُ الْمَرْءُ مَا قَدَّمَتْ يَدَاهُ وَيَقُولُ الْكَافِرُ يَا لَيْتَنِي كُنْتُ تُرَابًا [78:40]

Nuti adabbii dhihoo kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte arguufi kaafirris "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba" jedhu san isin sodaachifneerra.

## روابط ذات صلة

- [النص القرآني للسورة](https://quranpedia.net/surah/1/78.md)
- [كل تفاسير سورة النبأ
](https://quranpedia.net/surah-tafsir/78.md)
- [ترجمات سورة النبأ
](https://quranpedia.net/translations/78.md)
- [صفحة الكتاب: الترجمة الأورومية](https://quranpedia.net/book/2002.md)

---

زُر [Quranpedia.net](https://quranpedia.net/surah/1/78/book/2002) — موسوعة القرآن الكريم: التفاسير، الترجمات، التلاوات، والمواضيع.
