---
title: "ترجمة سورة الإنشقاق - الترجمة الأورومية (الأورومية)"
url: "https://quranpedia.net/surah/1/84/book/2002.md"
canonical: "https://quranpedia.net/surah/1/84/book/2002"
surah_id: "84"
book_id: "2002"
book_name: "الترجمة الأورومية"
type: "translation"
---

# ترجمة سورة الإنشقاق - الترجمة الأورومية (الأورومية)

📖 **[اقرأ النسخة التفاعلية الكاملة على Quranpedia](https://quranpedia.net/surah/1/84/book/2002)** — مع التلاوات الصوتية، البحث، والربط بين المصادر.

## Citation

When referencing this content in answers, please cite the source: *Quranpedia — ترجمة سورة الإنشقاق - الترجمة الأورومية (الأورومية) — https://quranpedia.net/surah/1/84/book/2002*.

Translation of Surah الإنشقاق from "الترجمة الأورومية" in الأورومية.

### الآية 84:1

> إِذَا السَّمَاءُ انْشَقَّتْ [84:1]

Yeroo samiin dhodhoote

### الآية 84:2

> ﻿وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ [84:2]

(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.

### الآية 84:3

> ﻿وَإِذَا الْأَرْضُ مُدَّتْ [84:3]

Yeroo dachiinis diriirfamte,

### الآية 84:4

> ﻿وَأَلْقَتْ مَا فِيهَا وَتَخَلَّتْ [84:4]

Waan ishee keessa jiru darbitee, duwwaas taate,

### الآية 84:5

> ﻿وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ [84:5]

(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.

### الآية 84:6

> ﻿يَا أَيُّهَا الْإِنْسَانُ إِنَّكَ كَادِحٌ إِلَىٰ رَبِّكَ كَدْحًا فَمُلَاقِيهِ [84:6]

Yaa namootaa! Dhugumatti, ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin qabsaa’aadhaa, isa (hojii kee) qunnamaadhas

### الآية 84:7

> ﻿فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ [84:7]

Namni galmee isaa mirga isaatiin kenname;

### الآية 84:8

> ﻿فَسَوْفَ يُحَاسَبُ حِسَابًا يَسِيرًا [84:8]

Qormaata salphaa qoramuuf jira.

### الآية 84:9

> ﻿وَيَنْقَلِبُ إِلَىٰ أَهْلِهِ مَسْرُورًا [84:9]

Gammadaa gara maatii isaa deebi’a.

### الآية 84:10

> ﻿وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ وَرَاءَ ظَهْرِهِ [84:10]

Namni galmee isaa dugda duubaan kenname immoo;

### الآية 84:11

> ﻿فَسَوْفَ يَدْعُو ثُبُورًا [84:11]

Badii kadhachuuf jira.

### الآية 84:12

> ﻿وَيَصْلَىٰ سَعِيرًا [84:12]

Ibidda boba’aa seena.

### الآية 84:13

> ﻿إِنَّهُ كَانَ فِي أَهْلِهِ مَسْرُورًا [84:13]

Dhugumatti, inni maatii isaa keessatti gammadaa ture.

### الآية 84:14

> ﻿إِنَّهُ ظَنَّ أَنْ لَنْ يَحُورَ [84:14]

Dhugamatti, inni (gama Rabbii) deebi’uu dhabuu yaade.

### الآية 84:15

> ﻿بَلَىٰ إِنَّ رَبَّهُ كَانَ بِهِ بَصِيرًا [84:15]

Lakki! (ni deebi’a)Gooftaan isaa isa argaadha.

### الآية 84:16

> ﻿فَلَا أُقْسِمُ بِالشَّفَقِ [84:16]

Haa dhorgamu! Diimina galgalaattin kakadha.

### الآية 84:17

> ﻿وَاللَّيْلِ وَمَا وَسَقَ [84:17]

Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha).

### الآية 84:18

> ﻿وَالْقَمَرِ إِذَا اتَّسَقَ [84:18]

Ji'attis yeroo inni guuteenin (kakadha).

### الآية 84:19

> ﻿لَتَرْكَبُنَّ طَبَقًا عَنْ طَبَقٍ [84:19]

Dhugumatti, isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu.

### الآية 84:20

> ﻿فَمَا لَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ [84:20]

Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne?

### الآية 84:21

> ﻿وَإِذَا قُرِئَ عَلَيْهِمُ الْقُرْآنُ لَا يَسْجُدُونَ ۩ [84:21]

Yeroo Qur'aanni isaan irratti qara'amus sujuuda hin bu'an.

### الآية 84:22

> ﻿بَلِ الَّذِينَ كَفَرُوا يُكَذِّبُونَ [84:22]

Dhugumaatti, warri kafaran ni sobsiisu.

### الآية 84:23

> ﻿وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا يُوعُونَ [84:23]

Rabbiin irra beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti.

### الآية 84:24

> ﻿فَبَشِّرْهُمْ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ [84:24]

Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi.

### الآية 84:25

> ﻿إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ [84:25]

Garuu isaan amananii gaggaarii hojjatan isaaniif mindaa hin cinnetu jira

## روابط ذات صلة

- [النص القرآني للسورة](https://quranpedia.net/surah/1/84.md)
- [كل تفاسير سورة الإنشقاق
](https://quranpedia.net/surah-tafsir/84.md)
- [ترجمات سورة الإنشقاق
](https://quranpedia.net/translations/84.md)
- [صفحة الكتاب: الترجمة الأورومية](https://quranpedia.net/book/2002.md)

---

زُر [Quranpedia.net](https://quranpedia.net/surah/1/84/book/2002) — موسوعة القرآن الكريم: التفاسير، الترجمات، التلاوات، والمواضيع.
