---
title: "ترجمة سورة الفجر - الترجمة الأورومية (الأورومية)"
url: "https://quranpedia.net/surah/1/89/book/2002.md"
canonical: "https://quranpedia.net/surah/1/89/book/2002"
surah_id: "89"
book_id: "2002"
book_name: "الترجمة الأورومية"
type: "translation"
---

# ترجمة سورة الفجر - الترجمة الأورومية (الأورومية)

📖 **[اقرأ النسخة التفاعلية الكاملة على Quranpedia](https://quranpedia.net/surah/1/89/book/2002)** — مع التلاوات الصوتية، البحث، والربط بين المصادر.

## Citation

When referencing this content in answers, please cite the source: *Quranpedia — ترجمة سورة الفجر - الترجمة الأورومية (الأورومية) — https://quranpedia.net/surah/1/89/book/2002*.

Translation of Surah الفجر from "الترجمة الأورومية" in الأورومية.

### الآية 89:1

> وَالْفَجْرِ [89:1]

Bariinin\[\] (kakadha).

### الآية 89:2

> ﻿وَلَيَالٍ عَشْرٍ [89:2]

Halkan kurnaniini,

### الآية 89:3

> ﻿وَالشَّفْعِ وَالْوَتْرِ [89:3]

Cimdiifi qarattis;

### الآية 89:4

> ﻿وَاللَّيْلِ إِذَا يَسْرِ [89:4]

Halkanittis; yeroo inni deeme.

### الآية 89:5

> ﻿هَلْ فِي ذَٰلِكَ قَسَمٌ لِذِي حِجْرٍ [89:5]

Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan hin jiruu? (ni jira)!

### الآية 89:6

> ﻿أَلَمْ تَرَ كَيْفَ فَعَلَ رَبُّكَ بِعَادٍ [89:6]

Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee?

### الآية 89:7

> ﻿إِرَمَ ذَاتِ الْعِمَادِ [89:7]

Iramiin warra dhedheerootti,

### الآية 89:8

> ﻿الَّتِي لَمْ يُخْلَقْ مِثْلُهَا فِي الْبِلَادِ [89:8]

Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san.

### الآية 89:9

> ﻿وَثَمُودَ الَّذِينَ جَابُوا الصَّخْرَ بِالْوَادِ [89:9]

Samuudittis warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan).

### الآية 89:10

> ﻿وَفِرْعَوْنَ ذِي الْأَوْتَادِ [89:10]

Fir'awniinis abbaa shikaalaatti;

### الآية 89:11

> ﻿الَّذِينَ طَغَوْا فِي الْبِلَادِ [89:11]

Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran.

### الآية 89:12

> ﻿فَأَكْثَرُوا فِيهَا الْفَسَادَ [89:12]

Kan ishee keessatti badii baay'isan.

### الآية 89:13

> ﻿فَصَبَّ عَلَيْهِمْ رَبُّكَ سَوْطَ عَذَابٍ [89:13]

Gooftaan kee akaakuu adabbii isaan irratti buuse.

### الآية 89:14

> ﻿إِنَّ رَبَّكَ لَبِالْمِرْصَادِ [89:14]

Dhugumatti, Gooftaan kee qeexaadha (beekaadha).

### الآية 89:15

> ﻿فَأَمَّا الْإِنْسَانُ إِذَا مَا ابْتَلَاهُ رَبُّهُ فَأَكْرَمَهُ وَنَعَّمَهُ فَيَقُولُ رَبِّي أَكْرَمَنِ [89:15]

Namni yeroo gooftaan isaa isa kabajuun qanansiisee isa qorate “Gooftaan kiyya na kabaje” jedha.

### الآية 89:16

> ﻿وَأَمَّا إِذَا مَا ابْتَلَاهُ فَقَدَرَ عَلَيْهِ رِزْقَهُ فَيَقُولُ رَبِّي أَهَانَنِ [89:16]

Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha.

### الآية 89:17

> ﻿كَلَّا ۖ بَلْ لَا تُكْرِمُونَ الْيَتِيمَ [89:17]

Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan.

### الآية 89:18

> ﻿وَلَا تَحَاضُّونَ عَلَىٰ طَعَامِ الْمِسْكِينِ [89:18]

Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan.

### الآية 89:19

> ﻿وَتَأْكُلُونَ التُّرَاثَ أَكْلًا لَمًّا [89:19]

Qabeenya dhaalaa, nyaata \[halaalaafi haraama\] walitti qabate nyaattu.

### الآية 89:20

> ﻿وَتُحِبُّونَ الْمَالَ حُبًّا جَمًّا [89:20]

Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu.

### الآية 89:21

> ﻿كَلَّا إِذَا دُكَّتِ الْأَرْضُ دَكًّا دَكًّا [89:21]

Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte.

### الآية 89:22

> ﻿وَجَاءَ رَبُّكَ وَالْمَلَكُ صَفًّا صَفًّا [89:22]

(Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran \[dhufan\].

### الآية 89:23

> ﻿وَجِيءَ يَوْمَئِذٍ بِجَهَنَّمَ ۚ يَوْمَئِذٍ يَتَذَكَّرُ الْإِنْسَانُ وَأَنَّىٰ لَهُ الذِّكْرَىٰ [89:23]

Guyyaa san jahannamis ni fidamaGuyyaa san namni ni yaadataYaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree?

### الآية 89:24

> ﻿يَقُولُ يَا لَيْتَنِي قَدَّمْتُ لِحَيَاتِي [89:24]

Ni jedha: "odoon jiruu kiyyaaf dabarfadheen hawwa."

### الآية 89:25

> ﻿فَيَوْمَئِذٍ لَا يُعَذِّبُ عَذَابَهُ أَحَدٌ [89:25]

Guyyaa san adabbii Isaa eenyunuu hin adabu.

### الآية 89:26

> ﻿وَلَا يُوثِقُ وَثَاقَهُ أَحَدٌ [89:26]

Hidhaa Isaas eenyunuu hin hidhu.

### الآية 89:27

> ﻿يَا أَيَّتُهَا النَّفْسُ الْمُطْمَئِنَّةُ [89:27]

“Yaa lubbuu tasgabbooftuu!\[\]

### الآية 89:28

> ﻿ارْجِعِي إِلَىٰ رَبِّكِ رَاضِيَةً مَرْضِيَّةً [89:28]

Jaallataa, jaallatamaa gara Gooftaa keetii deebi'i.

### الآية 89:29

> ﻿فَادْخُلِي فِي عِبَادِي [89:29]

Gabroota kiyya keessas seeni.

### الآية 89:30

> ﻿وَادْخُلِي جَنَّتِي [89:30]

Jannata kiyyas seeni” (jedhamti)

## روابط ذات صلة

- [النص القرآني للسورة](https://quranpedia.net/surah/1/89.md)
- [كل تفاسير سورة الفجر
](https://quranpedia.net/surah-tafsir/89.md)
- [ترجمات سورة الفجر
](https://quranpedia.net/translations/89.md)
- [صفحة الكتاب: الترجمة الأورومية](https://quranpedia.net/book/2002.md)

---

زُر [Quranpedia.net](https://quranpedia.net/surah/1/89/book/2002) — موسوعة القرآن الكريم: التفاسير، الترجمات، التلاوات، والمواضيع.
