Surah Al-Insan in Oromoo
سورة الإنسان · Verses: 31 · Medinan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
هَلۡ أَتَىٰ عَلَى ٱلۡإِنسَٰنِ حِينࣱ مِّنَ ٱلدَّهۡرِ لَمۡ يَكُن شَيۡـࣰٔا مَّذۡكُورًا
Sila barri hangi ta'e nama irra kan inni waan yaadatamu hin ta'in hin dhufnee? -
2
إِنَّا خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن نُّطۡفَةٍ أَمۡشَاجࣲ نَّبۡتَلِيهِ فَجَعَلۡنَٰهُ سَمِيعَۢا بَصِيرًا
Dhugumatti Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; Dhaga'aafi argaas isa goone -
3
إِنَّا هَدَيۡنَٰهُ ٱلسَّبِيلَ إِمَّا شَاكِرࣰا وَإِمَّا كَفُورًا
Nuti haala (inni) galateeffataa yookiin mormaa ta'een karaa isa qajeelchine. -
4
إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ سَلَٰسِلَاْ وَأَغۡلَٰلࣰا وَسَعِيرًا
Nuti kaafirootaaf sansalata, sakaallaawwaniifi ibidda boba'aa qopheessinee jirra. -
5
إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ يَشۡرَبُونَ مِن كَأۡسࣲ كَانَ مِزَاجُهَا كَافُورًا
Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin ta'e irraa dhugu. -
6
عَيۡنࣰا يَشۡرَبُ بِهَا عِبَادُ ٱللَّهِ يُفَجِّرُونَهَا تَفۡجِيرࣰا
(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha(Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu -
7
يُوفُونَ بِٱلنَّذۡرِ وَيَخَافُونَ يَوۡمࣰا كَانَ شَرُّهُۥ مُسۡتَطِيرࣰا
Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atus ni sodaatu -
8
وَيُطۡعِمُونَ ٱلطَّعَامَ عَلَىٰ حُبِّهِۦ مِسۡكِينࣰا وَيَتِيمࣰا وَأَسِيرًا
Nyaatas ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu. -
9
إِنَّمَا نُطۡعِمُكُمۡ لِوَجۡهِ ٱللَّهِ لَا نُرِيدُ مِنكُمۡ جَزَآءࣰ وَلَا شُكُورًا
(Ni jedhu): "dhugumatti, wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu. -
10
إِنَّا نَخَافُ مِن رَّبِّنَا يَوۡمًا عَبُوسࣰا قَمۡطَرِيرࣰا
Dhugumatti, nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.” -
11
فَوَقَىٰهُمُ ٱللَّهُ شَرَّ ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمِ وَلَقَّىٰهُمۡ نَضۡرَةࣰ وَسُرُورࣰا
Rabbiinis hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise. -
12
وَجَزَىٰهُم بِمَا صَبَرُواْ جَنَّةࣰ وَحَرِيرࣰا
Sababa isaan obsaniifis jannataafi hariira galata isaaniif galche -
13
مُّتَّكِـِٔينَ فِيهَا عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِۖ لَا يَرَوۡنَ فِيهَا شَمۡسࣰا وَلَا زَمۡهَرِيرࣰا
Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii, odoo ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argine (jiraatu) -
14
وَدَانِيَةً عَلَيۡهِمۡ ظِلَٰلُهَا وَذُلِّلَتۡ قُطُوفُهَا تَذۡلِيلࣰا
Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu). -
15
وَيُطَافُ عَلَيۡهِم بِـَٔانِيَةࣲ مِّن فِضَّةࣲ وَأَكۡوَابࣲ كَانَتۡ قَوَارِيرَا۠
Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama. -
16
قَوَارِيرَاْ مِن فِضَّةࣲ قَدَّرُوهَا تَقۡدِيرࣰا
Qaruuraalee meeta irraa ta'een hanga isaan ga'u ishee (irraa) qoodu. -
17
وَيُسۡقَوۡنَ فِيهَا كَأۡسࣰا كَانَ مِزَاجُهَا زَنجَبِيلًا
Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu. -
18
عَيۡنࣰا فِيهَا تُسَمَّىٰ سَلۡسَبِيلࣰا
Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu). -
19
۞ وَيَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ وِلۡدَٰنࣱ مُّخَلَّدُونَ إِذَا رَأَيۡتَهُمۡ حَسِبۡتَهُمۡ لُؤۡلُؤࣰا مَّنثُورࣰا
Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu -
20
وَإِذَا رَأَيۡتَ ثَمَّ رَأَيۡتَ نَعِيمࣰا وَمُلۡكࣰا كَبِيرًا
Yeroo achi keessa ilaaltes qananiifi mootummaa guddaa argita. -
21
عَٰلِيَهُمۡ ثِيَابُ سُندُسٍ خُضۡرࣱ وَإِسۡتَبۡرَقࣱۖ وَحُلُّوٓاْ أَسَاوِرَ مِن فِضَّةࣲ وَسَقَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡ شَرَابࣰا طَهُورًا
Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira qal'aafi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamuGooftaan isaaniis dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa -
22
إِنَّ هَٰذَا كَانَ لَكُمۡ جَزَآءࣰ وَكَانَ سَعۡيُكُم مَّشۡكُورًا
"Dhugumatti, kun mindaa isiniif ta'eeraDalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama). -
23
إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡقُرۡءَانَ تَنزِيلࣰا
Dhugumatti, Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra -
24
فَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ وَلَا تُطِعۡ مِنۡهُمۡ ءَاثِمًا أَوۡ كَفُورࣰا
Murtii Gooftaa keetiitiifis obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin. -
25
وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ بُكۡرَةࣰ وَأَصِيلࣰا
Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi. -
26
وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَٱسۡجُدۡ لَهُۥ وَسَبِّحۡهُ لَيۡلࣰا طَوِيلًا
Halkan irraallee Isaaf salaati; halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati -
27
إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ يُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ وَيَذَرُونَ وَرَآءَهُمۡ يَوۡمࣰا ثَقِيلࣰا
Dhugumatti, warri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa ulfaataas fuulduratti dhiisu (dagatu). -
28
نَّحۡنُ خَلَقۡنَٰهُمۡ وَشَدَدۡنَآ أَسۡرَهُمۡۖ وَإِذَا شِئۡنَا بَدَّلۡنَآ أَمۡثَٰلَهُمۡ تَبۡدِيلًا
Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feenes (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna. -
29
إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةࣱۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلࣰا
Dhugumatti, kuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata. -
30
وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمࣰا
Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetanRabbiin beekaa ogeessa ta’eera. -
31
يُدۡخِلُ مَن يَشَآءُ فِي رَحۡمَتِهِۦۚ وَٱلظَّٰلِمِينَ أَعَدَّ لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمَۢا
Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisaMiidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse.