سورة الحجر

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura الحجر الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti
Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku.
Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa)
Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.
Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.
Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.
Verse 37
(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.
(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa
(Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha
Verse 43
Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti.
Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.
Verse 46
“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).
Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen
“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.
“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”
Verse 64
“Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.
Verse 67
Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.
(Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe
(Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.
(Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”
(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.
Verse 73
Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte
Verse 76
Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti.
Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.
Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.
Verse 91
Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).
Verse 92
Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.
Verse 95
Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra.
تقدم القراءة