Surah Al-Fil in Oromoo
سورة الفيل · Verses: 5 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
أَلَمۡ تَرَ كَيۡفَ فَعَلَ رَبُّكَ بِأَصۡحَٰبِ ٱلۡفِيلِ
Sila Gooftan kee Abbootii Arbaa irratti akkam akka dalage hin arginee? -
2
أَلَمۡ يَجۡعَلۡ كَيۡدَهُمۡ فِي تَضۡلِيلࣲ
Sila tooftaa isaanii dhabama hin goonee? (godheera). -
3
وَأَرۡسَلَ عَلَيۡهِمۡ طَيۡرًا أَبَابِيلَ
Simbira garee gareedhaan isaanitti erge. -
4
تَرۡمِيهِم بِحِجَارَةࣲ مِّن سِجِّيلࣲ
Dhagaalee xuubii (suphee gubamte) irraa taate isaanitti darbatti. -
5
فَجَعَلَهُمۡ كَعَصۡفࣲ مَّأۡكُولِۭ
Akka alalaa (okaa) nyaatamee isaan taasise.