Surah Al-Qalam in Oromoo
سورة القلم · Verses: 52 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
نٓۚ وَٱلۡقَلَمِ وَمَا يَسۡطُرُونَ
NuunQalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha. -
2
مَآ أَنتَ بِنِعۡمَةِ رَبِّكَ بِمَجۡنُونࣲ
Ati ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane. -
3
وَإِنَّ لَكَ لَأَجۡرًا غَيۡرَ مَمۡنُونࣲ
Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira. -
4
وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمࣲ
Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta. -
5
فَسَتُبۡصِرُ وَيُبۡصِرُونَ
Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru. -
6
بِأَييِّكُمُ ٱلۡمَفۡتُونُ
Eenyuu keessantu Maraataa akka ta’e (arguuf jirtu). -
7
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِٱلۡمُهۡتَدِينَ
Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; namoota qajeeloos Isatu akkaan beeka. -
8
فَلَا تُطِعِ ٱلۡمُكَذِّبِينَ
Kijibsiiftotaaf hin ajajamin. -
9
وَدُّواْ لَوۡ تُدۡهِنُ فَيُدۡهِنُونَ
Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu. -
10
وَلَا تُطِعۡ كُلَّ حَلَّافࣲ مَّهِينٍ
Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin. -
11
هَمَّازࣲ مَّشَّآءِۭ بِنَمِيمࣲ
Akkaan hamataa, walitti naqaadhaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin). -
12
مَّنَّاعࣲ لِّلۡخَيۡرِ مُعۡتَدٍ أَثِيمٍ
Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis. -
13
عُتُلِّۭ بَعۡدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ
Gara jabeessa, sana booda immoo galtuu kan ta'een (hin ajajamin). -
14
أَن كَانَ ذَا مَالࣲ وَبَنِينَ
Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare). -
15
إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe. -
16
سَنَسِمُهُۥ عَلَى ٱلۡخُرۡطُومِ
Funyaan irratti isa mallatteessina. -
17
إِنَّا بَلَوۡنَٰهُمۡ كَمَا بَلَوۡنَآ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ إِذۡ أَقۡسَمُواْ لَيَصۡرِمُنَّهَا مُصۡبِحِينَ
Dhugumatti, Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra -
18
وَلَا يَسۡتَثۡنُونَ
Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan). -
19
فَطَافَ عَلَيۡهَا طَآئِفࣱ مِّن رَّبِّكَ وَهُمۡ نَآئِمُونَ
Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e -
20
فَأَصۡبَحَتۡ كَٱلصَّرِيمِ
Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte -
21
فَتَنَادَوۡاْ مُصۡبِحِينَ
Bariidhaan walitti lallaban. -
22
أَنِ ٱغۡدُواْ عَلَىٰ حَرۡثِكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰرِمِينَ
"Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan). -
23
فَٱنطَلَقُواْ وَهُمۡ يَتَخَٰفَتُونَ
Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman. -
24
أَن لَّا يَدۡخُلَنَّهَا ٱلۡيَوۡمَ عَلَيۡكُم مِّسۡكِينࣱ
"Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan). -
25
وَغَدَوۡاْ عَلَىٰ حَرۡدࣲ قَٰدِرِينَ
(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan. -
26
فَلَمَّا رَأَوۡهَا قَالُوٓاْ إِنَّا لَضَآلُّونَ
Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha. -
27
بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ
Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha." -
28
قَالَ أَوۡسَطُهُمۡ أَلَمۡ أَقُل لَّكُمۡ لَوۡلَا تُسَبِّحُونَ
Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe. -
29
قَالُواْ سُبۡحَٰنَ رَبِّنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
"Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan. -
30
فَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضࣲ يَتَلَٰوَمُونَ
Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale. -
31
قَالُواْ يَٰوَيۡلَنَآ إِنَّا كُنَّا طَٰغِينَ
Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota. -
32
عَسَىٰ رَبُّنَآ أَن يُبۡدِلَنَا خَيۡرࣰا مِّنۡهَآ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا رَٰغِبُونَ
Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeellaNuti dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan). -
33
كَذَٰلِكَ ٱلۡعَذَابُۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَكۡبَرُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadhaOdoo beekanii (irraa of tiksu turan). -
34
إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمۡ جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira. -
35
أَفَنَجۡعَلُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ كَٱلۡمُجۡرِمِينَ
Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa? -
36
مَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ
Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu! -
37
أَمۡ لَكُمۡ كِتَٰبࣱ فِيهِ تَدۡرُسُونَ
Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa? -
38
إِنَّ لَكُمۡ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ
Kan dhugumatti, isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)? -
39
أَمۡ لَكُمۡ أَيۡمَٰنٌ عَلَيۡنَا بَٰلِغَةٌ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ إِنَّ لَكُمۡ لَمَا تَحۡكُمُونَ
Sila ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun kakuu Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo? -
40
سَلۡهُمۡ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ
Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu. -
41
أَمۡ لَهُمۡ شُرَكَآءُ فَلۡيَأۡتُواْ بِشُرَكَآئِهِمۡ إِن كَانُواْ صَٰدِقِينَ
Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu) qabu moo? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu. -
42
يَوۡمَ يُكۡشَفُ عَن سَاقࣲ وَيُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ
Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu]. -
43
خَٰشِعَةً أَبۡصَٰرُهُمۡ تَرۡهَقُهُمۡ ذِلَّةࣱۖ وَقَدۡ كَانُواْ يُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ وَهُمۡ سَٰلِمُونَ
Ijji isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguugaDhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan. -
44
فَذَرۡنِي وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِۖ سَنَسۡتَدۡرِجُهُم مِّنۡ حَيۡثُ لَا يَعۡلَمُونَ
Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna. -
45
وَأُمۡلِي لَهُمۡۚ إِنَّ كَيۡدِي مَتِينٌ
Yeroon isaaniif kennaDhugumatti, tooftaan Kiyya cimaadha. -
46
أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ أَجۡرࣰا فَهُم مِّن مَّغۡرَمࣲ مُّثۡقَلُونَ
Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)? -
47
أَمۡ عِندَهُمُ ٱلۡغَيۡبُ فَهُمۡ يَكۡتُبُونَ
Sila (iccitii) fagoo kan isaan barreessantu isaan bira jira moo? -
48
فَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ ٱلۡحُوتِ إِذۡ نَادَىٰ وَهُوَ مَكۡظُومࣱ
Murtii Gooftaa keetiitiif obsiAkka saahiba qurxummii kan yeroo dallansuun guutame san (Rabbitti) lallabee hin ta'in. -
49
لَّوۡلَآ أَن تَدَٰرَكَهُۥ نِعۡمَةࣱ مِّن رَّبِّهِۦ لَنُبِذَ بِٱلۡعَرَآءِ وَهُوَ مَذۡمُومࣱ
Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture. -
50
فَٱجۡتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَجَعَلَهُۥ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe. -
51
وَإِن يَكَادُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَيُزۡلِقُونَكَ بِأَبۡصَٰرِهِمۡ لَمَّا سَمِعُواْ ٱلذِّكۡرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُۥ لَمَجۡنُونࣱ
Isaan kafaran yeroo yaadachiisa dhaga'an ija isaaniitiin lafaan si dhahuufi "dhugumatti, inni maraataa dha" (siin) jechuutti dhihaatu. -
52
وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكۡرࣱ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane.