Surah Ad-Dukhan in Oromoo
سورة الدخان · Verses: 59 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
حمٓ
Haa Miim. -
2
وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ
Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha). -
3
إِنَّآ أَنزَلۡنَٰهُ فِي لَيۡلَةࣲ مُّبَٰرَكَةٍۚ إِنَّا كُنَّا مُنذِرِينَ
Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra. -
4
فِيهَا يُفۡرَقُ كُلُّ أَمۡرٍ حَكِيمٍ
Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama, -
5
أَمۡرࣰا مِّنۡ عِندِنَآۚ إِنَّا كُنَّا مُرۡسِلِينَ
Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra -
6
رَحۡمَةࣰ مِّن رَّبِّكَۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha. -
7
رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ
(Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa). -
8
لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati. -
9
بَلۡ هُمۡ فِي شَكࣲّ يَلۡعَبُونَ
Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu. -
10
فَٱرۡتَقِبۡ يَوۡمَ تَأۡتِي ٱلسَّمَآءُ بِدُخَانࣲ مُّبِينࣲ
Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi. -
11
يَغۡشَى ٱلنَّاسَۖ هَٰذَا عَذَابٌ أَلِيمࣱ
(Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha. -
12
رَّبَّنَا ٱكۡشِفۡ عَنَّا ٱلۡعَذَابَ إِنَّا مُؤۡمِنُونَ
(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu). -
13
أَنَّىٰ لَهُمُ ٱلذِّكۡرَىٰ وَقَدۡ جَآءَهُمۡ رَسُولࣱ مُّبِينࣱ
Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata? -
14
ثُمَّ تَوَلَّوۡاْ عَنۡهُ وَقَالُواْ مُعَلَّمࣱ مَّجۡنُونٌ
Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan. -
15
إِنَّا كَاشِفُواْ ٱلۡعَذَابِ قَلِيلًاۚ إِنَّكُمۡ عَآئِدُونَ
Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha. -
16
يَوۡمَ نَبۡطِشُ ٱلۡبَطۡشَةَ ٱلۡكُبۡرَىٰٓ إِنَّا مُنتَقِمُونَ
Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha. -
17
۞ وَلَقَدۡ فَتَنَّا قَبۡلَهُمۡ قَوۡمَ فِرۡعَوۡنَ وَجَآءَهُمۡ رَسُولࣱ كَرِيمٌ
Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe. -
18
أَنۡ أَدُّوٓاْ إِلَيَّ عِبَادَ ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينࣱ
“Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe). -
19
وَأَن لَّا تَعۡلُواْ عَلَى ٱللَّهِۖ إِنِّيٓ ءَاتِيكُم بِسُلۡطَٰنࣲ مُّبِينࣲ
“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis. -
20
وَإِنِّي عُذۡتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُمۡ أَن تَرۡجُمُونِ
“Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe. -
21
وَإِن لَّمۡ تُؤۡمِنُواْ لِي فَٱعۡتَزِلُونِ
Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.” -
22
فَدَعَا رَبَّهُۥٓ أَنَّ هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمࣱ مُّجۡرِمُونَ
Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe). -
23
فَأَسۡرِ بِعِبَادِي لَيۡلًا إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ
(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota. -
24
وَٱتۡرُكِ ٱلۡبَحۡرَ رَهۡوًاۖ إِنَّهُمۡ جُندࣱ مُّغۡرَقُونَ
Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.” -
25
كَمۡ تَرَكُواْ مِن جَنَّٰتࣲ وَعُيُونࣲ
Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan. -
26
وَزُرُوعࣲ وَمَقَامࣲ كَرِيمࣲ
Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis. -
27
وَنَعۡمَةࣲ كَانُواْ فِيهَا فَٰكِهِينَ
Qananii ishee keessatti gammadaa turanis. -
28
كَذَٰلِكَۖ وَأَوۡرَثۡنَٰهَا قَوۡمًا ءَاخَرِينَ
Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne. -
29
فَمَا بَكَتۡ عَلَيۡهِمُ ٱلسَّمَآءُ وَٱلۡأَرۡضُ وَمَا كَانُواْ مُنظَرِينَ
Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre. -
30
وَلَقَدۡ نَجَّيۡنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ مِنَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡمُهِينِ
Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne. -
31
مِن فِرۡعَوۡنَۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَالِيࣰا مِّنَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ
Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera. -
32
وَلَقَدِ ٱخۡتَرۡنَٰهُمۡ عَلَىٰ عِلۡمٍ عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ
Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne. -
33
وَءَاتَيۡنَٰهُم مِّنَ ٱلۡأٓيَٰتِ مَا فِيهِ بَلَٰٓؤࣱاْ مُّبِينٌ
Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine. -
34
إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَيَقُولُونَ
Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu: -
35
إِنۡ هِيَ إِلَّا مَوۡتَتُنَا ٱلۡأُولَىٰ وَمَا نَحۡنُ بِمُنشَرِينَ
“Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu. -
36
فَأۡتُواْ بِـَٔابَآئِنَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.” -
37
أَهُمۡ خَيۡرٌ أَمۡ قَوۡمُ تُبَّعࣲ وَٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ أَهۡلَكۡنَٰهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ مُجۡرِمِينَ
Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine. -
38
وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا لَٰعِبِينَ
Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne. -
39
مَا خَلَقۡنَٰهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu. -
40
إِنَّ يَوۡمَ ٱلۡفَصۡلِ مِيقَٰتُهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati. -
41
يَوۡمَ لَا يُغۡنِي مَوۡلًى عَن مَّوۡلࣰى شَيۡـࣰٔا وَلَا هُمۡ يُنصَرُونَ
Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha. -
42
إِلَّا مَن رَّحِمَ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha. -
43
إِنَّ شَجَرَتَ ٱلزَّقُّومِ
Dhugumatti, mukni ‘Zaqquum’ -
44
طَعَامُ ٱلۡأَثِيمِ
Nyaata dilaawaati. -
45
كَٱلۡمُهۡلِ يَغۡلِي فِي ٱلۡبُطُونِ
Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa. -
46
كَغَلۡيِ ٱلۡحَمِيمِ
Akka danfuu bishaan ho’aatti. -
47
خُذُوهُ فَٱعۡتِلُوهُ إِلَىٰ سَوَآءِ ٱلۡجَحِيمِ
(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa. -
48
ثُمَّ صُبُّواْ فَوۡقَ رَأۡسِهِۦ مِنۡ عَذَابِ ٱلۡحَمِيمِ
Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa. -
49
ذُقۡ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡكَرِيمُ
Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee! -
50
إِنَّ هَٰذَا مَا كُنتُم بِهِۦ تَمۡتَرُونَ
Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama). -
51
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي مَقَامٍ أَمِينࣲ
Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa. -
52
فِي جَنَّٰتࣲ وَعُيُونࣲ
Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa. -
53
يَلۡبَسُونَ مِن سُندُسࣲ وَإِسۡتَبۡرَقࣲ مُّتَقَٰبِلِينَ
Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu -
54
كَذَٰلِكَ وَزَوَّجۡنَٰهُم بِحُورٍ عِينࣲ
Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne -
55
يَدۡعُونَ فِيهَا بِكُلِّ فَٰكِهَةٍ ءَامِنِينَ
Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu. -
56
لَا يَذُوقُونَ فِيهَا ٱلۡمَوۡتَ إِلَّا ٱلۡمَوۡتَةَ ٱلۡأُولَىٰۖ وَوَقَىٰهُمۡ عَذَابَ ٱلۡجَحِيمِ
Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse. -
57
فَضۡلࣰا مِّن رَّبِّكَۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha -
58
فَإِنَّمَا يَسَّرۡنَٰهُ بِلِسَانِكَ لَعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ
Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne. -
59
فَٱرۡتَقِبۡ إِنَّهُم مُّرۡتَقِبُونَ
(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha.