Surah Az-Zariyat in Oromoo
سورة الذاريات · Verses: 60 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
وَٱلذَّٰرِيَٰتِ ذَرۡوࣰا
(Qilleensa) bubbisuu bubbiftuunin kakadha. -
2
فَٱلۡحَٰمِلَٰتِ وِقۡرࣰا
(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis. -
3
فَٱلۡجَٰرِيَٰتِ يُسۡرࣰا
(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis. -
4
فَٱلۡمُقَسِّمَٰتِ أَمۡرًا
(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis. -
5
إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَصَادِقࣱ
Wanti isin beellamamtan dhugaadha. -
6
وَإِنَّ ٱلدِّينَ لَوَٰقِعࣱ
(Guyyaan) murtii dhugumatti argamaadha. -
7
وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡحُبُكِ
Ammas samii abbaa miidhaginaatiin kakadhe. -
8
إِنَّكُمۡ لَفِي قَوۡلࣲ مُّخۡتَلِفࣲ
Dhugumatti, isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu. -
9
يُؤۡفَكُ عَنۡهُ مَنۡ أُفِكَ
Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha. -
10
قُتِلَ ٱلۡخَرَّٰصُونَ
Sobdoonni abaaramaniiru. -
11
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي غَمۡرَةࣲ سَاهُونَ
Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha. -
12
يَسۡـَٔلُونَ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلدِّينِ
“Guyyaan mindaa yoomi?” (jechuun) gaafatu. -
13
يَوۡمَ هُمۡ عَلَى ٱلنَّارِ يُفۡتَنُونَ
(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamaniidha. -
14
ذُوقُواْ فِتۡنَتَكُمۡ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ
“Adaba keessan kan ariifataa turtan dhandhamaa” (isaaniin jedhama). -
15
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتࣲ وَعُيُونٍ
Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu. -
16
ءَاخِذِينَ مَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُحۡسِنِينَ
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa (jiraatu)Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan. -
17
كَانُواْ قَلِيلࣰا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مَا يَهۡجَعُونَ
Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan. -
18
وَبِٱلۡأَسۡحَارِ هُمۡ يَسۡتَغۡفِرُونَ
Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhataniidha. -
19
وَفِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقࣱّ لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ
Kan qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jiruudha. -
20
وَفِي ٱلۡأَرۡضِ ءَايَٰتࣱ لِّلۡمُوقِنِينَ
Dachii keessas isaan dhugaan amananiif mallattooleetu jiru. -
21
وَفِيٓ أَنفُسِكُمۡۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ
Lubbuu keessan keessas (akkasuma)Sila hin argitanuu? -
22
وَفِي ٱلسَّمَآءِ رِزۡقُكُمۡ وَمَا تُوعَدُونَ
Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis samii keessa jira. -
23
فَوَرَبِّ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ إِنَّهُۥ لَحَقࣱّ مِّثۡلَ مَآ أَنَّكُمۡ تَنطِقُونَ
Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti. -
24
هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡمُكۡرَمِينَ
Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa? -
25
إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمࣰاۖ قَالَ سَلَٰمࣱ قَوۡمࣱ مُّنكَرُونَ
Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan[Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); isin namoota ani hin beekneedha” jedheen. -
26
فَرَاغَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ فَجَآءَ بِعِجۡلࣲ سَمِينࣲ
Ergasii gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe. -
27
فَقَرَّبَهُۥٓ إِلَيۡهِمۡ قَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ
Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe. -
28
فَأَوۡجَسَ مِنۡهُمۡ خِيفَةࣰۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَٰمٍ عَلِيمࣲ
Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabeIsaan “hin sodaatin” jedhaniinIlma beekumsa qabuunis isa gammachiisan. -
29
فَأَقۡبَلَتِ ٱمۡرَأَتُهُۥ فِي صَرَّةࣲ فَصَكَّتۡ وَجۡهَهَا وَقَالَتۡ عَجُوزٌ عَقِيمࣱ
Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufteFuula ishee dhadhayaa “Ani jaartii manguddoo maseena hoo (akkamittin daha)!” jette -
30
قَالُواْ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?” -
31
۞ قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?” -
32
قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمࣲ مُّجۡرِمِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne. -
33
لِنُرۡسِلَ عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةࣰ مِّن طِينࣲ
Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).” -
34
مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُسۡرِفِينَ
Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan mallateeffamte haala taateen. -
35
فَأَخۡرَجۡنَا مَن كَانَ فِيهَا مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne. -
36
فَمَا وَجَدۡنَا فِيهَا غَيۡرَ بَيۡتࣲ مِّنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine. -
37
وَتَرَكۡنَا فِيهَآ ءَايَةࣰ لِّلَّذِينَ يَخَافُونَ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ
Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra. -
38
وَفِي مُوسَىٰٓ إِذۡ أَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ بِسُلۡطَٰنࣲ مُّبِينࣲ
(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra). -
39
فَتَوَلَّىٰ بِرُكۡنِهِۦ وَقَالَ سَٰحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونࣱ
Innis (Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe. -
40
فَأَخَذۡنَٰهُ وَجُنُودَهُۥ فَنَبَذۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡيَمِّ وَهُوَ مُلِيمࣱ
Isaafi waraana isaas haala komatamaa ta’een qabnee galaana keessatti isaan darbine -
41
وَفِي عَادٍ إِذۡ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلرِّيحَ ٱلۡعَقِيمَ
(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira). -
42
مَا تَذَرُ مِن شَيۡءٍ أَتَتۡ عَلَيۡهِ إِلَّا جَعَلَتۡهُ كَٱلرَّمِيمِ
Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu. -
43
وَفِي ثَمُودَ إِذۡ قِيلَ لَهُمۡ تَمَتَّعُواْ حَتَّىٰ حِينࣲ
(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira). -
44
فَعَتَوۡاْ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ وَهُمۡ يَنظُرُونَ
Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonanOdoo isaan ilaalanuu iyyansi (dhumti) isaan qabatte. -
45
فَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ مِن قِيَامࣲ وَمَا كَانُواْ مُنتَصِرِينَ
Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane. -
46
وَقَوۡمَ نُوحࣲ مِّن قَبۡلُۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمࣰا فَٰسِقِينَ
Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra)Dhugumatti, isaan ummata finciltoota turan. -
47
وَٱلسَّمَآءَ بَنَيۡنَٰهَا بِأَيۡيْدࣲ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ
Samiis humnaan ishee ijaarreDhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha. -
48
وَٱلۡأَرۡضَ فَرَشۡنَٰهَا فَنِعۡمَ ٱلۡمَٰهِدُونَ
Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle! -
49
وَمِن كُلِّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَا زَوۡجَيۡنِ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ
Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne. -
50
فَفِرُّوٓاْ إِلَى ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرࣱ مُّبِينࣱ
Gara Rabbii baqadhaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha. -
51
وَلَا تَجۡعَلُواْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرࣱ مُّبِينࣱ
Allaah wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisinaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha. -
52
كَذَٰلِكَ مَآ أَتَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا قَالُواْ سَاحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٌ
Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee -
53
أَتَوَاصَوۡاْ بِهِۦۚ بَلۡ هُمۡ قَوۡمࣱ طَاغُونَ
Sila (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha. -
54
فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ فَمَآ أَنتَ بِمَلُومࣲ
Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti. -
55
وَذَكِّرۡ فَإِنَّ ٱلذِّكۡرَىٰ تَنفَعُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii. -
56
وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ
Jinniifi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne. -
57
مَآ أُرِيدُ مِنۡهُم مِّن رِّزۡقࣲ وَمَآ أُرِيدُ أَن يُطۡعِمُونِ
Soorata homaatuu isaan irraa hin fedhuAkka Ana nyaachisanis hin fedhu. -
58
إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلرَّزَّاقُ ذُو ٱلۡقُوَّةِ ٱلۡمَتِينُ
Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati. -
59
فَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذَنُوبࣰا مِّثۡلَ ذَنُوبِ أَصۡحَٰبِهِمۡ فَلَا يَسۡتَعۡجِلُونِ
Dhugumatti, miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne. -
60
فَوَيۡلࣱ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن يَوۡمِهِمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ
Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera.