Surah Al-Qamar in Oromoo
سورة القمر · Verses: 55 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
ٱقۡتَرَبَتِ ٱلسَّاعَةُ وَٱنشَقَّ ٱلۡقَمَرُ
Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe. -
2
وَإِن يَرَوۡاْ ءَايَةࣰ يُعۡرِضُواْ وَيَقُولُواْ سِحۡرࣱ مُّسۡتَمِرࣱّ
Yeroo mallattoo wahii argan gara galaniiti “(kun) sihrii cimaadha” jedhu. -
3
وَكَذَّبُواْ وَٱتَّبَعُوٓاْ أَهۡوَآءَهُمۡۚ وَكُلُّ أَمۡرࣲ مُّسۡتَقِرࣱّ
(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofuWanti hunduu galma ga’aadha. -
4
وَلَقَدۡ جَآءَهُم مِّنَ ٱلۡأَنۢبَآءِ مَا فِيهِ مُزۡدَجَرٌ
Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa dhorgaan jiru isaanitti dhufeera. -
5
حِكۡمَةُۢ بَٰلِغَةࣱۖ فَمَا تُغۡنِ ٱلنُّذُرُ
Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu. -
6
فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡۘ يَوۡمَ يَدۡعُ ٱلدَّاعِ إِلَىٰ شَيۡءࣲ نُّكُرٍ
Isaan irraa garagaliGuyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu; -
7
خُشَّعًا أَبۡصَٰرُهُمۡ يَخۡرُجُونَ مِنَ ٱلۡأَجۡدَاثِ كَأَنَّهُمۡ جَرَادࣱ مُّنتَشِرࣱ
(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu -
8
مُّهۡطِعِينَ إِلَى ٱلدَّاعِۖ يَقُولُ ٱلۡكَٰفِرُونَ هَٰذَا يَوۡمٌ عَسِرࣱ
Gara waamaatti ori’uKaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu. -
9
۞ كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحࣲ فَكَذَّبُواْ عَبۡدَنَا وَقَالُواْ مَجۡنُونࣱ وَٱزۡدُجِرَ
Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan -
10
فَدَعَا رَبَّهُۥٓ أَنِّي مَغۡلُوبࣱ فَٱنتَصِرۡ
“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate. -
11
فَفَتَحۡنَآ أَبۡوَٰبَ ٱلسَّمَآءِ بِمَآءࣲ مُّنۡهَمِرࣲ
Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne. -
12
وَفَجَّرۡنَا ٱلۡأَرۡضَ عُيُونࣰا فَٱلۡتَقَى ٱلۡمَآءُ عَلَىٰٓ أَمۡرࣲ قَدۡ قُدِرَ
Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan. -
13
وَحَمَلۡنَٰهُ عَلَىٰ ذَاتِ أَلۡوَٰحࣲ وَدُسُرࣲ
Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene) -
14
تَجۡرِي بِأَعۡيُنِنَا جَزَآءࣰ لِّمَن كَانَ كُفِرَ
Galata isa itti kafaramee taatee tika keenyaan deemti. -
15
وَلَقَد تَّرَكۡنَٰهَآ ءَايَةࣰ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرࣲ
Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata? -
16
فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata? -
17
وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرࣲ
Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerraNamni ittiin gorfamu jiraa? -
18
كَذَّبَتۡ عَادࣱ فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ
(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree? -
19
إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ رِيحࣰا صَرۡصَرࣰا فِي يَوۡمِ نَحۡسࣲ مُّسۡتَمِرࣲّ
Qilleensa qorraa guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa isaanitti ergine. -
20
تَنزِعُ ٱلنَّاسَ كَأَنَّهُمۡ أَعۡجَازُ نَخۡلࣲ مُّنقَعِرࣲ
Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu. -
21
فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata? -
22
وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرࣲ
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirraNamni gorfamu jiraa? -
23
كَذَّبَتۡ ثَمُودُ بِٱلنُّذُرِ
(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru. -
24
فَقَالُوٓاْ أَبَشَرࣰا مِّنَّا وَٰحِدࣰا نَّتَّبِعُهُۥٓ إِنَّآ إِذࣰا لَّفِي ضَلَٰلࣲ وَسُعُرٍ
Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti oggas jallinaafi maraatuu keessa jirra. -
25
أَءُلۡقِيَ ٱلذِّكۡرُ عَلَيۡهِ مِنۢ بَيۡنِنَا بَلۡ هُوَ كَذَّابٌ أَشِرࣱ
Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha. -
26
سَيَعۡلَمُونَ غَدࣰا مَّنِ ٱلۡكَذَّابُ ٱلۡأَشِرُ
Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru. -
27
إِنَّا مُرۡسِلُواْ ٱلنَّاقَةِ فِتۡنَةࣰ لَّهُمۡ فَٱرۡتَقِبۡهُمۡ وَٱصۡطَبِرۡ
Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis. -
28
وَنَبِّئۡهُمۡ أَنَّ ٱلۡمَآءَ قِسۡمَةُۢ بَيۡنَهُمۡۖ كُلُّ شِرۡبࣲ مُّحۡتَضَرࣱ
Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha. -
29
فَنَادَوۡاْ صَاحِبَهُمۡ فَتَعَاطَىٰ فَعَقَرَ
Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane -
30
فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata? -
31
إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ صَيۡحَةࣰ وَٰحِدَةࣰ فَكَانُواْ كَهَشِيمِ ٱلۡمُحۡتَظِرِ
Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan. -
32
وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرࣲ
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa? -
33
كَذَّبَتۡ قَوۡمُ لُوطِۭ بِٱلنُّذُرِ
Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru. -
34
إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ حَاصِبًا إِلَّآ ءَالَ لُوطࣲۖ نَّجَّيۡنَٰهُم بِسَحَرࣲ
Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine. -
35
نِّعۡمَةࣰ مِّنۡ عِندِنَاۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي مَن شَكَرَ
Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine)Akka kanatti nama galata Nuuf galche mindeessina. -
36
وَلَقَدۡ أَنذَرَهُم بَطۡشَتَنَا فَتَمَارَوۡاْ بِٱلنُّذُرِ
Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru. -
37
وَلَقَدۡ رَٰوَدُوهُ عَن ضَيۡفِهِۦ فَطَمَسۡنَآ أَعۡيُنَهُمۡ فَذُوقُواْ عَذَابِي وَنُذُرِ
Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen). -
38
وَلَقَدۡ صَبَّحَهُم بُكۡرَةً عَذَابࣱ مُّسۡتَقِرࣱّ
Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate. -
39
فَذُوقُواْ عَذَابِي وَنُذُرِ
Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne). -
40
وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرࣲ
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa? -
41
وَلَقَدۡ جَآءَ ءَالَ فِرۡعَوۡنَ ٱلنُّذُرُ
Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiifni dhufeera. -
42
كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذۡنَٰهُمۡ أَخۡذَ عَزِيزࣲ مُّقۡتَدِرٍ
Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne. -
43
أَكُفَّارُكُمۡ خَيۡرࣱ مِّنۡ أُوْلَٰٓئِكُمۡ أَمۡ لَكُم بَرَآءَةࣱ فِي ٱلزُّبُرِ
(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira? -
44
أَمۡ يَقُولُونَ نَحۡنُ جَمِيعࣱ مُّنتَصِرࣱ
Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu. -
45
سَيُهۡزَمُ ٱلۡجَمۡعُ وَيُوَلُّونَ ٱلدُّبُرَ
Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru. -
46
بَلِ ٱلسَّاعَةُ مَوۡعِدُهُمۡ وَٱلسَّاعَةُ أَدۡهَىٰ وَأَمَرُّ
Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha. -
47
إِنَّ ٱلۡمُجۡرِمِينَ فِي ضَلَٰلࣲ وَسُعُرࣲ
Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u. -
48
يَوۡمَ يُسۡحَبُونَ فِي ٱلنَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمۡ ذُوقُواْ مَسَّ سَقَرَ
Guyyaa fuula isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar dhandhamaa” (jedhamaan). -
49
إِنَّا كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَٰهُ بِقَدَرࣲ
Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne. -
50
وَمَآ أَمۡرُنَآ إِلَّا وَٰحِدَةࣱ كَلَمۡحِۭ بِٱلۡبَصَرِ
Ajajni keenya akkuma liphsuu ijaa yeroo tokko qofa. -
51
وَلَقَدۡ أَهۡلَكۡنَآ أَشۡيَاعَكُمۡ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرࣲ
Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa? -
52
وَكُلُّ شَيۡءࣲ فَعَلُوهُ فِي ٱلزُّبُرِ
Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira. -
53
وَكُلُّ صَغِيرࣲ وَكَبِيرࣲ مُّسۡتَطَرٌ
Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha. -
54
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتࣲ وَنَهَرࣲ
Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu. -
55
فِي مَقۡعَدِ صِدۡقٍ عِندَ مَلِيكࣲ مُّقۡتَدِرِۭ
Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.