Surah Ar-Rahman in Oromoo
سورة الرحمن · Verses: 78 · Medinan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
ٱلرَّحۡمَٰنُ
Ar-Rahmaan. -
2
عَلَّمَ ٱلۡقُرۡءَانَ
Qur’aana barsiise. -
3
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ
Nama ni uume. -
4
عَلَّمَهُ ٱلۡبَيَانَ
Haasa’a isa barsiise. -
5
ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ بِحُسۡبَانࣲ
Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu. -
6
وَٱلنَّجۡمُ وَٱلشَّجَرُ يَسۡجُدَانِ
Biqilaafi mukkeenis (Allaahf) sujuudu. -
7
وَٱلسَّمَآءَ رَفَعَهَا وَوَضَعَ ٱلۡمِيزَانَ
Samii ol ishee fuudhe; madaalas ni kaaye. -
8
أَلَّا تَطۡغَوۡاْ فِي ٱلۡمِيزَانِ
Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha. -
9
وَأَقِيمُواْ ٱلۡوَزۡنَ بِٱلۡقِسۡطِ وَلَا تُخۡسِرُواْ ٱلۡمِيزَانَ
Madaala sirriitti qajeelchaa; madaala hin hir’isinaa. -
10
وَٱلۡأَرۡضَ وَضَعَهَا لِلۡأَنَامِ
Dachiis uumama hundaaf ishee kaaye. -
11
فِيهَا فَٰكِهَةࣱ وَٱلنَّخۡلُ ذَاتُ ٱلۡأَكۡمَامِ
Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira. -
12
وَٱلۡحَبُّ ذُو ٱلۡعَصۡفِ وَٱلرَّيۡحَانُ
Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru. -
13
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
14
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِن صَلۡصَٰلࣲ كَٱلۡفَخَّارِ
(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume. -
15
وَخَلَقَ ٱلۡجَآنَّ مِن مَّارِجࣲ مِّن نَّارࣲ
Sheyxaana immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume. -
16
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
17
رَبُّ ٱلۡمَشۡرِقَيۡنِ وَرَبُّ ٱلۡمَغۡرِبَيۡنِ
(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti. -
18
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
19
مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ يَلۡتَقِيَانِ
Galaanota lamaan kan wal qunnaman taasisee gadi lakkise. -
20
بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخࣱ لَّا يَبۡغِيَانِ
Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin makamanu. -
21
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
22
يَخۡرُجُ مِنۡهُمَا ٱللُّؤۡلُؤُ وَٱلۡمَرۡجَانُ
Isaan lamaan irraayyuu faayaafi burjaanaatu baha. -
23
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
24
وَلَهُ ٱلۡجَوَارِ ٱلۡمُنشَـَٔاتُ فِي ٱلۡبَحۡرِ كَٱلۡأَعۡلَٰمِ
Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati. -
25
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
26
كُلُّ مَنۡ عَلَيۡهَا فَانࣲ
Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama. -
27
وَيَبۡقَىٰ وَجۡهُ رَبِّكَ ذُو ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
Fuula Gooftaa keetii, kan guddinaafi ulfinaatu hafa. -
28
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
29
يَسۡـَٔلُهُۥ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ كُلَّ يَوۡمٍ هُوَ فِي شَأۡنࣲ
Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi Isa kadhataGuyyaa hunda Inni hojiitti jira. -
30
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
31
سَنَفۡرُغُ لَكُمۡ أَيُّهَ ٱلثَّقَلَانِ
Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna. -
32
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
33
يَٰمَعۡشَرَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِ إِنِ ٱسۡتَطَعۡتُمۡ أَن تَنفُذُواْ مِنۡ أَقۡطَارِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ فَٱنفُذُواْۚ لَا تَنفُذُونَ إِلَّا بِسُلۡطَٰنࣲ
Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiifi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraaDandeettiin malee hin qaxxaamurtan. -
34
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
35
يُرۡسَلُ عَلَيۡكُمَا شُوَاظࣱ مِّن نَّارࣲ وَنُحَاسࣱ فَلَا تَنتَصِرَانِ
Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergamaErgasii of irraa dhorguu hin dandeessanu. -
36
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
37
فَإِذَا ٱنشَقَّتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ وَرۡدَةࣰ كَٱلدِّهَانِ
Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate. -
38
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
39
فَيَوۡمَئِذࣲ لَّا يُسۡـَٔلُ عَن ذَنۢبِهِۦٓ إِنسࣱ وَلَا جَآنࣱّ
Ilmi namaas ta’ee jinniin guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu. -
40
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
41
يُعۡرَفُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ بِسِيمَٰهُمۡ فَيُؤۡخَذُ بِٱلنَّوَٰصِي وَٱلۡأَقۡدَامِ
Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamuSammuufi miila ni qabamu -
42
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
43
هَٰذِهِۦ جَهَنَّمُ ٱلَّتِي يُكَذِّبُ بِهَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ
“Kun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama). -
44
يَطُوفُونَ بَيۡنَهَا وَبَيۡنَ حَمِيمٍ ءَانࣲ
Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u. -
45
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
46
وَلِمَنۡ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِۦ جَنَّتَانِ
Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira. -
47
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
48
ذَوَاتَآ أَفۡنَانࣲ
Kan dameewwan dhedheeroo qaban -
49
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
50
فِيهِمَا عَيۡنَانِ تَجۡرِيَانِ
Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira. -
51
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
52
فِيهِمَا مِن كُلِّ فَٰكِهَةࣲ زَوۡجَانِ
Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira. -
53
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
54
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ فُرُشِۭ بَطَآئِنُهَا مِنۡ إِسۡتَبۡرَقࣲۚ وَجَنَى ٱلۡجَنَّتَيۡنِ دَانࣲ
Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’uFuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha. -
55
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
56
فِيهِنَّ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ لَمۡ يَطۡمِثۡهُنَّ إِنسࣱ قَبۡلَهُمۡ وَلَا جَآنࣱّ
Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii dhirsa isaanii irratti gabaabsan, kan san dura namniifi jinniin hin tuqintu jira. -
57
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
58
كَأَنَّهُنَّ ٱلۡيَاقُوتُ وَٱلۡمَرۡجَانُ
Faayaafi burjaana fakkaatu. -
59
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
60
هَلۡ جَزَآءُ ٱلۡإِحۡسَٰنِ إِلَّا ٱلۡإِحۡسَٰنُ
Sila mindaan toltuu toltuu malee ni jiraa? -
61
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
62
وَمِن دُونِهِمَا جَنَّتَانِ
Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira. -
63
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
64
مُدۡهَآمَّتَانِ
Magariisa gurraacha’aadha -
65
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
66
فِيهِمَا عَيۡنَانِ نَضَّاخَتَانِ
Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru. -
67
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
68
فِيهِمَا فَٰكِهَةࣱ وَنَخۡلࣱ وَرُمَّانࣱ
Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira. -
69
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
70
فِيهِنَّ خَيۡرَٰتٌ حِسَانࣱ
Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira. -
71
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
72
حُورࣱ مَّقۡصُورَٰتࣱ فِي ٱلۡخِيَامِ
Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru. -
73
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
74
لَمۡ يَطۡمِثۡهُنَّ إِنسࣱ قَبۡلَهُمۡ وَلَا جَآنࣱّ
Isaan dura namaafi jinniinis hin tuqne -
75
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
76
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ رَفۡرَفٍ خُضۡرࣲ وَعَبۡقَرِيٍّ حِسَانࣲ
Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii taa’u. -
77
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu? -
78
تَبَٰرَكَ ٱسۡمُ رَبِّكَ ذِي ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
Maqaan Gooftaa keetii, abbaa guddinnaafi ulfinaa guddate