Surah Al-Ma'arij in Oromoo
سورة المعارج · Verses: 44 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
سَأَلَ سَآئِلُۢ بِعَذَابࣲ وَاقِعࣲ
Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan wahii kadhate. -
2
لِّلۡكَٰفِرِينَ لَيۡسَ لَهُۥ دَافِعࣱ
Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru. -
3
مِّنَ ٱللَّهِ ذِي ٱلۡمَعَارِجِ
Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama) -
4
تَعۡرُجُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ وَٱلرُّوحُ إِلَيۡهِ فِي يَوۡمࣲ كَانَ مِقۡدَارُهُۥ خَمۡسِينَ أَلۡفَ سَنَةࣲ
Malaykonniifi Jibiriil guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti gara Isaa ol koru. -
5
فَٱصۡبِرۡ صَبۡرࣰا جَمِيلًا
Obsa gaarii obsi. -
6
إِنَّهُمۡ يَرَوۡنَهُۥ بَعِيدࣰا
Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu. -
7
وَنَرَىٰهُ قَرِيبࣰا
Nuti immoo dhihootti isa argina. -
8
يَوۡمَ تَكُونُ ٱلسَّمَآءُ كَٱلۡمُهۡلِ
Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu. -
9
وَتَكُونُ ٱلۡجِبَالُ كَٱلۡعِهۡنِ
(Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu. -
10
وَلَا يَسۡـَٔلُ حَمِيمٌ حَمِيمࣰا
(Guyyaa) firri fira hin gaafanne. -
11
يُبَصَّرُونَهُمۡۚ يَوَدُّ ٱلۡمُجۡرِمُ لَوۡ يَفۡتَدِي مِنۡ عَذَابِ يَوۡمِئِذِۭ بِبَنِيهِ
Isaan agarsiifamuNamni dilaawaan odoo ilmaan isaa kennee adabbii guyyaa sanii jalaa bilisa ba'ee jaalata. -
12
وَصَٰحِبَتِهِۦ وَأَخِيهِ
Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata); -
13
وَفَصِيلَتِهِ ٱلَّتِي تُـٔۡوِيهِ
Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis; -
14
وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعࣰا ثُمَّ يُنجِيهِ
Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata). -
15
كَلَّآۖ إِنَّهَا لَظَىٰ
Dhorgamaa! Dhugummatti, isheen balala ibiddaati. -
16
نَزَّاعَةࣰ لِّلشَّوَىٰ
Buqqiftuu gogaa sammuuti. -
17
تَدۡعُواْ مَنۡ أَدۡبَرَ وَتَوَلَّىٰ
Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti. -
18
وَجَمَعَ فَأَوۡعَىٰٓ
(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti) -
19
۞ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ خُلِقَ هَلُوعًا
Dhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame. -
20
إِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ جَزُوعࣰا
Yeroo hamtuun isa tuqe dallanaadha (gammachuu dhaba). -
21
وَإِذَا مَسَّهُ ٱلۡخَيۡرُ مَنُوعًا
Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha. -
22
إِلَّا ٱلۡمُصَلِّينَ
Warra sagadan malee; -
23
ٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَاتِهِمۡ دَآئِمُونَ
Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee); -
24
وَٱلَّذِينَ فِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقࣱّ مَّعۡلُومࣱ
Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru, -
25
لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ
Kadhataafi hiyyeessa hin kadhanneef, -
26
وَٱلَّذِينَ يُصَدِّقُونَ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ
Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan, -
27
وَٱلَّذِينَ هُم مِّنۡ عَذَابِ رَبِّهِم مُّشۡفِقُونَ
Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha). -
28
إِنَّ عَذَابَ رَبِّهِمۡ غَيۡرُ مَأۡمُونࣲ
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa isaanii amanamaa miti. -
29
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِفُرُوجِهِمۡ حَٰفِظُونَ
Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan, -
30
إِلَّا عَلَىٰٓ أَزۡوَٰجِهِمۡ أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُهُمۡ فَإِنَّهُمۡ غَيۡرُ مَلُومِينَ
Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhugumatti, isaan komatamoo miti. -
31
فَمَنِ ٱبۡتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡعَادُونَ
Namni sanaan ala barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha. -
32
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِأَمَٰنَٰتِهِمۡ وَعَهۡدِهِمۡ رَٰعُونَ
Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan, -
33
وَٱلَّذِينَ هُم بِشَهَٰدَٰتِهِمۡ قَآئِمُونَ
Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan, -
34
وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَاتِهِمۡ يُحَافِظُونَ
Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan. -
35
أُوْلَٰٓئِكَ فِي جَنَّٰتࣲ مُّكۡرَمُونَ
Warri sun jannata keessatti kabajamoodha. -
36
فَمَالِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ قِبَلَكَ مُهۡطِعِينَ
Warra kafareef maaltu jiraayi gara kee ariifatu? -
37
عَنِ ٱلۡيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ عِزِينَ
Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii. -
38
أَيَطۡمَعُ كُلُّ ٱمۡرِيࣲٕ مِّنۡهُمۡ أَن يُدۡخَلَ جَنَّةَ نَعِيمࣲ
Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa? -
39
كَلَّآۖ إِنَّا خَلَقۡنَٰهُم مِّمَّا يَعۡلَمُونَ
Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne. -
40
فَلَآ أُقۡسِمُ بِرَبِّ ٱلۡمَشَٰرِقِ وَٱلۡمَغَٰرِبِ إِنَّا لَقَٰدِرُونَ
Gooftaa Bahaafi Dhiha hedduutiinin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha. -
41
عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ خَيۡرࣰا مِّنۡهُمۡ وَمَا نَحۡنُ بِمَسۡبُوقِينَ
Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha)Nuti dadhabsiifamoo hin taane. -
42
فَذَرۡهُمۡ يَخُوضُواْ وَيَلۡعَبُواْ حَتَّىٰ يُلَٰقُواْ يَوۡمَهُمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ
Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi. -
43
يَوۡمَ يَخۡرُجُونَ مِنَ ٱلۡأَجۡدَاثِ سِرَاعࣰا كَأَنَّهُمۡ إِلَىٰ نُصُبࣲ يُوفِضُونَ
Guyyaa qabrii irraa arifataa ba'an isaan waan gara taabotaa dhangala'an fakkaatu. -
44
خَٰشِعَةً أَبۡصَٰرُهُمۡ تَرۡهَقُهُمۡ ذِلَّةࣱۚ ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمُ ٱلَّذِي كَانُواْ يُوعَدُونَ
Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan haguugdiSun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.