Surah At-Takwir in Oromoo
سورة التكوير · Verses: 29 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
إِذَا ٱلشَّمۡسُ كُوِّرَتۡ
Yeroo aduun maramte, -
2
وَإِذَا ٱلنُّجُومُ ٱنكَدَرَتۡ
Yeroo urjiin harcaate, -
3
وَإِذَا ٱلۡجِبَالُ سُيِّرَتۡ
Yeroo gaarreen bakkaa oofamte, -
4
وَإِذَا ٱلۡعِشَارُ عُطِّلَتۡ
Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte), -
5
وَإِذَا ٱلۡوُحُوشُ حُشِرَتۡ
Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte, -
6
وَإِذَا ٱلۡبِحَارُ سُجِّرَتۡ
Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti boba'an), -
7
وَإِذَا ٱلنُّفُوسُ زُوِّجَتۡ
Yeroo lubbuun hundi qindeeffamte -
8
وَإِذَا ٱلۡمَوۡءُۥدَةُ سُئِلَتۡ
Yeroo durbi fayyaan awwaalamte gaafatamte, -
9
بِأَيِّ ذَنۢبࣲ قُتِلَتۡ
Balleessa kamiif akka ajjeefamte; -
10
وَإِذَا ٱلصُّحُفُ نُشِرَتۡ
Yeroo galmeen (hojii) raabsamte, -
11
وَإِذَا ٱلسَّمَآءُ كُشِطَتۡ
Yeroo samiin buqqifamtee maramte, -
12
وَإِذَا ٱلۡجَحِيمُ سُعِّرَتۡ
Yeroo ibiddi qabsiifamte, -
13
وَإِذَا ٱلۡجَنَّةُ أُزۡلِفَتۡ
Yeroo jannanni dhiheeffamte, -
14
عَلِمَتۡ نَفۡسࣱ مَّآ أَحۡضَرَتۡ
Lubbuun waan dalagatte beekteetti. -
15
فَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلۡخُنَّسِ
(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha. -
16
ٱلۡجَوَارِ ٱلۡكُنَّسِ
(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha). -
17
وَٱلَّيۡلِ إِذَا عَسۡعَسَ
Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha), -
18
وَٱلصُّبۡحِ إِذَا تَنَفَّسَ
Bariittillee yeroo inni diriiren (kakadha), -
19
إِنَّهُۥ لَقَوۡلُ رَسُولࣲ كَرِيمࣲ
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati -
20
ذِي قُوَّةٍ عِندَ ذِي ٱلۡعَرۡشِ مَكِينࣲ
(Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu. -
21
مُّطَاعࣲ ثَمَّ أَمِينࣲ
Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e. -
22
وَمَا صَاحِبُكُم بِمَجۡنُونࣲ
Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti. -
23
وَلَقَدۡ رَءَاهُ بِٱلۡأُفُقِ ٱلۡمُبِينِ
Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira. -
24
وَمَا هُوَ عَلَى ٱلۡغَيۡبِ بِضَنِينࣲ
Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don'aa miti (hin dhoksu). -
25
وَمَا هُوَ بِقَوۡلِ شَيۡطَٰنࣲ رَّجِيمࣲ
Innis (Qur'aanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti. -
26
فَأَيۡنَ تَذۡهَبُونَ
Mee eessuma deemtu? -
27
إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرࣱ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti. -
28
لِمَن شَآءَ مِنكُمۡ أَن يَسۡتَقِيمَ
Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a). -
29
وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu