Surah Al-Infitar in Oromoo
سورة الإنفطار · Verses: 19 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
إِذَا ٱلسَّمَآءُ ٱنفَطَرَتۡ
Yeroo samiin dhodhoote, -
2
وَإِذَا ٱلۡكَوَاكِبُ ٱنتَثَرَتۡ
Yeroo urjiiwwan harca'an, -
3
وَإِذَا ٱلۡبِحَارُ فُجِّرَتۡ
Yeroo galaanonni walitti makaman, -
4
وَإِذَا ٱلۡقُبُورُ بُعۡثِرَتۡ
Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte, -
5
عَلِمَتۡ نَفۡسࣱ مَّا قَدَّمَتۡ وَأَخَّرَتۡ
(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi dhiifte ni beekti -
6
يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡإِنسَٰنُ مَا غَرَّكَ بِرَبِّكَ ٱلۡكَرِيمِ
Yaa namootaa! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si gowwoomse? -
7
ٱلَّذِي خَلَقَكَ فَسَوَّىٰكَ فَعَدَلَكَ
Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse, -
8
فِيٓ أَيِّ صُورَةࣲ مَّا شَآءَ رَكَّبَكَ
Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)? -
9
كَلَّا بَلۡ تُكَذِّبُونَ بِٱلدِّينِ
Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu. -
10
وَإِنَّ عَلَيۡكُمۡ لَحَٰفِظِينَ
Dhugumatti, isin irra to’attootatu jiru. -
11
كِرَامࣰا كَٰتِبِينَ
Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an. -
12
يَعۡلَمُونَ مَا تَفۡعَلُونَ
Waan isin dalagdan ni beeku. -
13
إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ لَفِي نَعِيمࣲ
Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu -
14
وَإِنَّ ٱلۡفُجَّارَ لَفِي جَحِيمࣲ
Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu. -
15
يَصۡلَوۡنَهَا يَوۡمَ ٱلدِّينِ
Guyyaa murtii ishee seenu. -
16
وَمَا هُمۡ عَنۡهَا بِغَآئِبِينَ
Isaan ishee irraa hin fagaatanu. -
17
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ
Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? -
18
ثُمَّ مَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ
Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? -
19
يَوۡمَ لَا تَمۡلِكُ نَفۡسࣱ لِّنَفۡسࣲ شَيۡـࣰٔاۖ وَٱلۡأَمۡرُ يَوۡمَئِذࣲ لِّلَّهِ
(Inni) guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenyeGuyyaa san ajajni (hundi) kan Rabbiiti.