Surah Al-Mutaffifin in Oromoo
سورة المطففين · Verses: 36 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
وَيۡلࣱ لِّلۡمُطَفِّفِينَ
Warra (safara) hir’isuuf badiin haa ta’u! -
2
ٱلَّذِينَ إِذَا ٱكۡتَالُواْ عَلَى ٱلنَّاسِ يَسۡتَوۡفُونَ
Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan, -
3
وَإِذَا كَالُوهُمۡ أَو وَّزَنُوهُمۡ يُخۡسِرُونَ
Yeroo namootaaf safaran yookiin madaalan immoo hir’isan. -
4
أَلَا يَظُنُّ أُوْلَٰٓئِكَ أَنَّهُم مَّبۡعُوثُونَ
Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii? -
5
لِيَوۡمٍ عَظِيمࣲ
Guyyaa guddaadhaaf. -
6
يَوۡمَ يَقُومُ ٱلنَّاسُ لِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu. -
7
كَلَّآ إِنَّ كِتَٰبَ ٱلۡفُجَّارِ لَفِي سِجِّينࣲ
Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a. -
8
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا سِجِّينࣱ
"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise? -
9
كِتَٰبࣱ مَّرۡقُومࣱ
Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama). -
10
وَيۡلࣱ يَوۡمَئِذࣲ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e. -
11
ٱلَّذِينَ يُكَذِّبُونَ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ
Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif. -
12
وَمَا يُكَذِّبُ بِهِۦٓ إِلَّا كُلُّ مُعۡتَدٍ أَثِيمٍ
Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru. -
13
إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte"ogbarruu warra duriiti" jedha. -
14
كَلَّاۖ بَلۡۜ رَانَ عَلَىٰ قُلُوبِهِم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge. -
15
كَلَّآ إِنَّهُمۡ عَن رَّبِّهِمۡ يَوۡمَئِذࣲ لَّمَحۡجُوبُونَ
Dhagayaa! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha. -
16
ثُمَّ إِنَّهُمۡ لَصَالُواْ ٱلۡجَحِيمِ
Ergasii isaan ibidda galtoota. -
17
ثُمَّ يُقَالُ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ
Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama. -
18
كَلَّآ إِنَّ كِتَٰبَ ٱلۡأَبۡرَارِ لَفِي عِلِّيِّينَ
Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessa ta'a. -
19
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا عِلِّيُّونَ
"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise? -
20
كِتَٰبࣱ مَّرۡقُومࣱ
Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame). -
21
يَشۡهَدُهُ ٱلۡمُقَرَّبُونَ
Warra Rabbitti dhiheeffamantu itti hirmaata. -
22
إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ لَفِي نَعِيمٍ
Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananii keessa jiraatu. -
23
عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ
Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu. -
24
تَعۡرِفُ فِي وُجُوهِهِمۡ نَضۡرَةَ ٱلنَّعِيمِ
Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta. -
25
يُسۡقَوۡنَ مِن رَّحِيقࣲ مَّخۡتُومٍ
Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu. -
26
خِتَٰمُهُۥ مِسۡكࣱۚ وَفِي ذَٰلِكَ فَلۡيَتَنَافَسِ ٱلۡمُتَنَٰفِسُونَ
Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman. -
27
وَمِزَاجُهُۥ مِن تَسۡنِيمٍ
Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi. -
28
عَيۡنࣰا يَشۡرَبُ بِهَا ٱلۡمُقَرَّبُونَ
(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha. -
29
إِنَّ ٱلَّذِينَ أَجۡرَمُواْ كَانُواْ مِنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ يَضۡحَكُونَ
Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan. -
30
وَإِذَا مَرُّواْ بِهِمۡ يَتَغَامَزُونَ
Yeroo isaan bira dabran wal akeeku. -
31
وَإِذَا ٱنقَلَبُوٓاْ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِمُ ٱنقَلَبُواْ فَكِهِينَ
Yeroo gara maatii isaanii deebi'anis gammadaa deebi’u. -
32
وَإِذَا رَأَوۡهُمۡ قَالُوٓاْ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَضَآلُّونَ
Yeroo isaan arganis "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu. -
33
وَمَآ أُرۡسِلُواْ عَلَيۡهِمۡ حَٰفِظِينَ
Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin. -
34
فَٱلۡيَوۡمَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مِنَ ٱلۡكُفَّارِ يَضۡحَكُونَ
Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa. -
35
عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ
Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu. -
36
هَلۡ ثُوِّبَ ٱلۡكُفَّارُ مَا كَانُواْ يَفۡعَلُونَ
"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu]