Surah 'Abasa in Oromoo
سورة عبس · Verses: 42 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
عَبَسَ وَتَوَلَّىٰٓ
Fuula guuree gara gale -
2
أَن جَآءَهُ ٱلۡأَعۡمَىٰ
Sababa jaamaan isatti dhufeef. -
3
وَمَا يُدۡرِيكَ لَعَلَّهُۥ يَزَّكَّىٰٓ
Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama -
4
أَوۡ يَذَّكَّرُ فَتَنفَعَهُ ٱلذِّكۡرَىٰٓ
Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi. -
5
أَمَّا مَنِ ٱسۡتَغۡنَىٰ
Nama duroome immoo, -
6
فَأَنتَ لَهُۥ تَصَدَّىٰ
Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta. -
7
وَمَا عَلَيۡكَ أَلَّا يَزَّكَّىٰ
Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen. -
8
وَأَمَّا مَن جَآءَكَ يَسۡعَىٰ
Nama fiigaa sitti dhufe immoo, -
9
وَهُوَ يَخۡشَىٰ
Kan Rabbiin sodaatu ta’ee, -
10
فَأَنتَ عَنۡهُ تَلَهَّىٰ
Ati isa irraa dagatta. -
11
كَلَّآ إِنَّهَا تَذۡكِرَةࣱ
Dhorgami! Isheen gorsa. -
12
فَمَن شَآءَ ذَكَرَهُۥ
Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata. -
13
فِي صُحُفࣲ مُّكَرَّمَةࣲ
Galmeewwan kabajamtuu keessa jira. -
14
مَّرۡفُوعَةࣲ مُّطَهَّرَةِۭ
Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira). -
15
بِأَيۡدِي سَفَرَةࣲ
Harka barressitootaa (maleykotaa) jira. -
16
كِرَامِۭ بَرَرَةࣲ
Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira). -
17
قُتِلَ ٱلۡإِنسَٰنُ مَآ أَكۡفَرَهُۥ
Namni abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise? -
18
مِنۡ أَيِّ شَيۡءٍ خَلَقَهُۥ
(Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu?) -
19
مِن نُّطۡفَةٍ خَلَقَهُۥ فَقَدَّرَهُۥ
Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse. -
20
ثُمَّ ٱلسَّبِيلَ يَسَّرَهُۥ
Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise. -
21
ثُمَّ أَمَاتَهُۥ فَأَقۡبَرَهُۥ
Ergasii isa ajjeeseti isa awwaalchise. -
22
ثُمَّ إِذَا شَآءَ أَنشَرَهُۥ
Ergasii yeroo fedhe isa kaasa. -
23
كَلَّا لَمَّا يَقۡضِ مَآ أَمَرَهُۥ
Dhugumatti, (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne. -
24
فَلۡيَنظُرِ ٱلۡإِنسَٰنُ إِلَىٰ طَعَامِهِۦٓ
Namni gara nyaata isaa haa ilaalu. -
25
أَنَّا صَبَبۡنَا ٱلۡمَآءَ صَبࣰّا
Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne. -
26
ثُمَّ شَقَقۡنَا ٱلۡأَرۡضَ شَقࣰّا
Ergasii dachii dhodhoosiinsa dhodhoofne. -
27
فَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا حَبࣰّا
Achumaan Ishee keessatti firii magarsine. -
28
وَعِنَبࣰا وَقَضۡبࣰا
Inabaafi margas, -
29
وَزَيۡتُونࣰا وَنَخۡلࣰا
Zeytunaafi muka timiraas, -
30
وَحَدَآئِقَ غُلۡبࣰا
Ashaakiltiilee muka baay’atanis, -
31
وَفَٰكِهَةࣰ وَأَبࣰّا
Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu]. -
32
مَّتَٰعࣰا لَّكُمۡ وَلِأَنۡعَٰمِكُمۡ
Isiniifi beylada keessanis qanansiisuuf. -
33
فَإِذَا جَآءَتِ ٱلصَّآخَّةُ
Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan)dhufte, -
34
يَوۡمَ يَفِرُّ ٱلۡمَرۡءُ مِنۡ أَخِيهِ
Guyyaa namni obboleessa isaa irraa dheessu, -
35
وَأُمِّهِۦ وَأَبِيهِ
Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas, -
36
وَصَٰحِبَتِهِۦ وَبَنِيهِ
Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti). -
37
لِكُلِّ ٱمۡرِيࣲٕ مِّنۡهُمۡ يَوۡمَئِذࣲ شَأۡنࣱ يُغۡنِيهِ
Nama Isaan irraa ta’e hundaaf guyyaa sana dhimma isa duroomsutu jira. -
38
وُجُوهࣱ يَوۡمَئِذࣲ مُّسۡفِرَةࣱ
Fuulli gariin guyyaa san ni ifti. -
39
ضَاحِكَةࣱ مُّسۡتَبۡشِرَةࣱ
Kolfituu, gammadduudha. -
40
وَوُجُوهࣱ يَوۡمَئِذٍ عَلَيۡهَا غَبَرَةࣱ
Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu) irra jira. -
41
تَرۡهَقُهَا قَتَرَةٌ
Gurraachinni ishee haguuga. -
42
أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡكَفَرَةُ ٱلۡفَجَرَةُ
Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha.