ترجمة معاني سورة العاديات باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
ﮱﯓ
ﯔ
(Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha),
آية رقم 2
ﯕﯖ
ﯗ
(Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin,
آية رقم 3
ﯘﯙ
ﯚ
(Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti;
آية رقم 4
ﯛﯜﯝ
ﯞ
Isaan dhukkee ol kaasanitti;
آية رقم 5
ﯟﯠﯡ
ﯢ
Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha].
آية رقم 6
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha.
آية رقم 7
ﭖﭗﭘﭙ
ﭚ
Inni kana irratti ragaadha
آية رقم 8
ﭛﭜﭝﭞ
ﭟ
Inni (namni) qabeenya jaalachuutti cimaadha.
آية رقم 9
Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana hin beekuu?
آية رقم 10
ﭩﭪﭫﭬ
ﭭ
Yeroo wanti qoma keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu?)
آية رقم 11
ﭮﭯﭰﭱﭲ
ﭳ
Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha.
تقدم القراءة