سورة يونس

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة يونس باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

Kadhaan isaanii ishee keessatti (yeroo waan tokko fedhan)[] “yaa Allaah! Qulqulliini keeti” jechuudhaKabajaan isaaniis ishee keessatti “nagayaa” jechuudhaKadhaan isaanii kan boodaas[] “faaruun hundi kan Rabbii gooftaa aalamaati” jechuudha.
Odoo Rabbiin namaaf akka isaan gaarii (argachuuf) jerjerfatanitti hamtuu isaaniif jerjersee, silaa beellamni (adabbii) isaanii, isaaniif raawwatama tureIsaan wal ga’ii keenya hin sodaanne, jallina isaanii keessa dhama’oo taasifnee isaan dhiifna
Dhugumatti, dhaloota isin duraa irraa, yeroo isaan lubbuu isaanii miidhanii, ergamtoonni isaanii raajii dirree taa’uun isaanitti dhufanii hin amanin balleessinee jirraAkka kanatti ummata badii raawwattoota ta’aniif galata galchina.
Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifamanis, isaan qunnamtii keenya hin sodaanne “Qur’aana kana hin ta’iniin nutti kottu; yookiin isa jijjiiri” jedhu“Ani of biraa isa jijjiiruun naaf hin ta’uWaan gara kiyyatti wahyii godhamu malee hin hordofuDhugumatti, ani yoon ajaja Gooftaa kiyyaa dide, adabbii guyyaa guddaan sodaadha” jedhi.
Inni Isa dachiifi bishaan keessas isin deemsisuYeroo dooniwwan keessatti taatanii qilleensa gaarii keessa isaaniin deemanii, isheetti gammadan, qilleensi bubbisaan isaanitti dhufa; danbaliiniis bakka hunda irraa isaanitti dhufa; marfamnees yaadu“Yoo Ati (balaa) kana irraa nagaa nu baafte, nuti dhugumatti, warra (si) galateeffatan irraa taana” (jechaa) ibaadaa Isaaf qulqulleessanii Rabbiin qofa kadhatu.
Dhugumatti, fakkeenyi jireenya addunyaa, akka bishaan Nuti samii irraa isa buufnee, ergasii biqiltuuwwan dachii kan waan ilmi namaatiifi horiin nyaatan irraa ta’an isaan wal makamanii, yeroo dachiin faaya ishee qabattee, miidhagdee, abbootiin isheetis ishee irratti danda’oo ta’uu yaadan, adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isheetti dhufee, akka waan kaleessa achitti hin ta’iniitti (hin jirreetti) haamamaa ishee gooneetiAkka kanatti mallattoolee ummata xiinxalaniif adda baafna.
Guyyaa isaan hunda walitti qabnus, (dubbadhu)Ergasii isaan Nutti qindeessaniin ni jenna: “Isiniifi warri isin Nu waliin gabbaraa turtanis iddoo jirtan dhaabadhaa!” Sana booda gidduu isaanii addaan baafnaWarri isaan Nu waliin gabbaraa turaniis: “Isin nu gabbaraa hin turre” jedhu
“Gidduu keenyaafi gidduu keessanitti ragaa ta’uuf Rabbumatu ga’aadhaDhugumatti, nuti isin nu gabbaruu irraa dagatoo taanee turre.”
Moo sila isaan “isatu (Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhu? “Oggas suuraa tokko kan isa fakkaattu fidaaYoo kan dhugaa dubbattan taatan, Rabbii gaditti nama dandeessan (gargaarsaaf) waamadhaa” jedhi.
“Sila inni (Guyyaan Qiyaamaa) dhugaa dhaa?” (jechuun) si odeeffatu“Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Inni dhugaadhaIsinis (isa jalaa) miliquu hin dandeessan” jedhi.
“Tola Rabbiitiifi rahmata Isaatiin (dhufte)Waan isaan walitti qaban irra isatu caalaa, isa sanitti haa gammadanu” jedhi.
(Yaa Muhammad!) Hojii kamillee keessatti hin taatu, Qur’aana irraas isa hin dubbiftu, dalagaa irraa waan tokkos hin hojjattan, yeroo isin isatti seentan Nuti isin irratti ragaa taanu malee hin hafuWanti hanga atomii dachii keessattis ta’ee, samii keessattis Rabbii kee irraa hin fagaatuWanti san irra xiqqaas ta’ee, guuddaan kitaaba addeessaa ta’e keessatti jiraatu malee hin hafu
آية رقم 63
Isaan warra amananii, (Rabbiin) sodaachaa turaniidha.
(Kun) qananii addunyaa keessatti taateedhaErgasii deebiin isaanii gara keenyatti qofa ta’aErgasii waan isaan kafaraa turaniif adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna.
Oduu Nuuh isaan irratti dubbisiYeroo inni ummata isaatiin “yaa ummata kiyya! Yoo (isin waliin) turuun kiyyaafi keeyyattoota Rabbiitiin (isin) yaadachiisuun kiyya isinitti guddate, ani Rabbi irratti hirkadhee, tooftaa keessaniifi isaan Rabbii waliin gabbartani walitti qabadhaa; ergasii dharti keessan isin irraa dhokataa hin ta’in; ergasii yeroo naaf hin kenninaatii narratti raawwadhaa”jedhe.
Isaan isa kijibsiisani; ergasii Nuti isaafi namoota isaa waliin doonii keessa jiranis ni baraarsineBakka bu’oo isaan gooneeti warra keeyyattoota keenya sobsiisan bishaaniin dhidhimsineBooddeen dinniinamtootaa akkam akka ta’e ilaali.
Isaan ni jedhan: “Sila ati waan abbootii keenya isa irratti argine irraa nu garagalchitee ol aantummaanis dachii keessatti akka isin lamaaniif taatuuf nutti dhuftee? Nuti isin lamaaniif hin amannu.
Isaanis ni jedhan: “Nuti Rabbi irratti hirkannee jirraYaa Gooftaa keenya! Ummata miidhaa raawwattootaaf sababaa jallinnaa nu hin taasisin
(Rabbiin) ni jedhe: “Dhugumatti, kadhaan keessan lamaanii fudhatama argattee jirtiKaraa qajeelaa irratti gadi dhaabbadhaa; karaa warra hin beeknees hin hordofinaa.”
Nuti dhugumatti, Ilmaan Israa’iil iddoo kabajamaa (Shaamiifi Misraan keessa) isaan qubachiifnee jirraWantoota gaggaarii irraas soorata isaanif kenninee jirraHanga beekumsi isaanitti dhufutti wal hin dhabneDhugumatti, Gooftaan kee guyyaa Qiyaamaa waan isaan keessatti wal dhabaa turan keessatti gidduu isaaniitti ni murteessa.
Sila magaalaan (erga adabbii Rabbii argitee) amantee ergasii iimaanni ishee ishee fayyade ummata Yuunus malee maaliif hin jiraatini? (Hin jiru jechuu dha)Isaan amannaan jireenya addunyaa keessatti adabbii salphisaa ta’e isaan irraa fuunee, hanga yeroo murtaa’eettis isaan qanansiifne.
آية رقم 105
“Fuula kee qajeelaa taasisii guutumatti amantiitti gara galchi; mushrikoota irraas hin ta’in” (jechuuttiin ajajame).
تقدم القراءة