ترجمة معاني سورة الصف باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesseInnis injifataa ogeessa
آية رقم 2
Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne haasoftu?
آية رقم 3
Waan hin hojjanne haasa'uun keessan jibbaansi isaa Rabbiin biratti guddate.
آية رقم 4
Rabbiin warra karaa Isaa keessatti akka ijaarsaa wal qabataa ta'anii hiriiraan lolan ni jaalata.
آية رقم 5
Yeroo Muusaan ummata isaatiin "yaa ummata (kiyya)! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame ta'uu) sirriitti beektanuu maaliif na rakkiftan?" jedhe [yaadadhaa]Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onnee isaanii jalliseRabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
آية رقم 6
Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa]Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.
آية رقم 7
Nama odoo gara Islaamaa waamamuu Rabbi irratti kijiba uumee odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Rabbiinis ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
آية رقم 8
Ifa Rabbii afaan isaaniitiin balleessuu fedhuOdoma kaafiroonni jibbaniiyyuu Rabbiin ifa Isaa ni guuta
آية رقم 9
Inni Isa odoo mushrikoonni jibbanuu, amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha
آية رقم 10
Yaa warra amantan! Mee daldala adabbii laalessaa irraa isin baraarsu irratti isin qajeelchuu?
آية رقم 11
Rabbiifi ergamaa Isaatti amantu, akkasumas karaa Rabbii keessatti qabeenyaafi lubbuu keessaniin qabsooftuYoo kan beektan taataniif kanatu (waan hunda) isiniif caala.
آية رقم 12
(Yoo kana dalagdaniif Rabbiin) badii keessan isiniif araaramaJannatoota laggeen jala ishee yaatus isin seensisaManneen babbareedaa Jannata qubannaa keessattis (isiniif qopheessee jira)Kun milkii guddaadha.
آية رقم 13
Waan biraas kan isin jaalattan (isiniif kenna)(Isheenis) tumsa Rabbi irraa ta'eefi banamuu (Makkaa) dhihoo ta'eedhaMu’uminootas gammachiisi.
آية رقم 14
Yaa warra amantan! Akkuma Iisaa Ibnu Maryam hawaariyyootaan "(waamicha ani) gara Rabbiitti (godhu irratti) namni na tumsu eenyu?" jennaan hawaariyoonnis "nutu tumsitoota Rabbiiti" jedhan san isinis tumsitoota Rabbii ta'aaIlmaan Israa'iil irraayis gartokkeen amananii gartokkeen kafaranIsaan amanan san diinota isaanii irratti jabeessinaan injifatoo ta'an
تقدم القراءة