سورة الحديد

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة الحديد باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

Odoo ergamaan akka gooftaa keessanitti amantaniif isin waamuu, odoo waadaa keessan isin irraa fuudhee jiruu, yoo mu’uminoota taataniif, sila maaltu isinii jiraaf Rabbitti amanuu diddan?
Karaa Rabbii keessatti kan hin arjoomne maal taataniiti? Dhaalli samiifi dachiis kan Allaah qofaIsin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi qabsaa’e (isaan sana booda arjoomaniifi qabsaa’an wajjiin) wal hin qixxaa’anIsaan sun warra sana booda arjoomaniifi qabsaa’an irra sadarkaa guddaa qabuHundaa Rabbiin (mindaa) gaarii waadaa galeefii jiraRabbiin iccitii waan isin dalagdanii beekaadha.
(Munaafiqoonni) isaan (mu’uminoota) waamaniiti “Nuti isin waliin hin turree?” (jedhuun)“Eeyyeen! Garuu isin lubbuu keessan jalliftanii, badii keenya eegaa turtanii, amantiis shakkitanii, hanga ajajni Rabbii dhufutti hawwiin sobaa isin gowwoomsitee, gowwoomsaan (sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin isin gowwoomse.
Dhiiroliin sadaqaa kennatan, dubartoonni sadaqaa kennatte, kanneen liqaa gaarii Rabbiif liqeessan, (mindaan isaanii) dachaa isaaniif ta’aMindaan gaarii ta’ees isaaniif jira
Jireenyi addunyaa tapha, gammachuu yeroo gabaabaa, miidhagina, dhaaddannoo gidduu keessaniitiifi qabeenyaafi ilmaan baay’ifatuu qofa akka ta’e beekaaAkka fakkeenya bokkaa, margi isaa qotee bulaa dinqisiisee, kan ergasii gogee daalachaa’aa ta’uu argitee, ergasii caccabaa ta’eetiAakhiratti adabbii cimaa, araaramaafi jaalala Rabbi irraa ta’etu jiraJireenyi addunyaa meeshaa daguuti malee waan biraatii miti.
Dhugumatti, ergamtoota keenya ragaawwan ifa ta’aniin erginee, kitaabaafi madaalas akka namoonni haqaan dhaabbataniif jecha isaan waliin buufnee jirraSibiilas kan isa keessa humna cimaafi namootaaf bu’aawwan jiru goonee buufneerraRabbiin nama Isaafi ergamtoota Isaa fagootti (ghaybiitti) tumsanu mul’isuuf (kana godhe)Dhugumatti, Rabbiin jabaa, injifataadha.
Dhugumatti, Nuuhiifi Ibraahiimiin erginee jirraSanyii isaan lamaanii keessatti nabiyyummaafi kitaaba goonee jirraIsaan irraa namoota qajeelantu jira; baay’een isaan irraa ta’an immoo finciltoota
Ergasii faana isaanii irra ergamtoota keenya hordofsiifneIisaa ilma Maryamis hordofsiifnee, Injiiliin isaaf kenninee jirraOnnee isaan isa (Iisaa) hordofanii keessattis namaaf rifatuufi gara laafummaa gooneMoloksummaas ni eegalanJaalala Rabbii barbaaduuf (eegalan) malee Nuti isaan irratti hin barreessine(Garuu ) dhugaa eeggachuu ishee hin eegganneIsaan irraa warra amananiif mindaa kenninaBaay’een isaanii immoo finciltoota.
تقدم القراءة