ترجمة معاني سورة ص باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
ﭑﭒﭓﭔﭕ
ﭖ
SaadQur’aana abbaa yaadannoo ta’eenin (kakadha)!
آية رقم 2
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
ﭝ
Dhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru.
آية رقم 3
Isaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirraYeroo baqaaf hin taane walitti lallaban
آية رقم 4
Sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, ni jedhan: “kun falfalaa, sobaadha.
آية رقم 5
Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”
آية رقم 6
Gurguddoon isaan (mushrikoota) irraa ta’an deemaniiti “gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha.
آية رقم 7
Amantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenyeKun waanuma haara’a uumame malee homaa miti.
آية رقم 8
Sila yaadannoon (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee?” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiruGaruu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee (kanaaf kafaran).
آية رقم 9
Furtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa?
آية رقم 10
Moo mootummaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu kan isaaniitii? Oggas, karaa keessaan (gara samii) ol haa ba’anii.
آية رقم 11
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
ﯥ
Isaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo(dha)Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru)
آية رقم 12
Isaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa kan ta’an (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru.
آية رقم 13
Samuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru)Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha)
آية رقم 14
Hundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafneKanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e.
آية رقم 15
Isaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan.
آية رقم 16
Ni jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”
آية رقم 17
Waan isaan jedhan irratti obsiGabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhuDhugumatti, inni akkaan tawbataa ture.
آية رقم 18
Nuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra.
آية رقم 19
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
ﭬ
Allaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra)Hunduu gara Isaa deebi’oodha.
آية رقم 20
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
ﭳ
Mootummaa isaa jabeessinee jirraHikmaa (nabiyyummaa)fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra.
آية رقم 21
Sila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa?
آية رقم 22
Yeroo isaan isa irra seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedhaKanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessiHin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan.
آية رقم 23
Dhugumatti, kun obboleessa kiyyaIsaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jiraAnaaf immoo hoolaa dhaltuu tokko qofatu jira“Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse.
آية رقم 24
(Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa kee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan miidhaa sirratti dalagee jiraDhugumatti, irra hedduun warra wajjin hojjatanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan maleeIsaanis baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e.
آية رقم 25
(Nutis) sana isaaf araaramneDhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira.
آية رقم 26
Yaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifnee jirraKanaaf gidduu namootaatti dhugaan murteessiKaraa Rabbii irraa si jallisaa fedha lubbuu hin hordofinDhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira
آية رقم 27
Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran hunda, taphaaf hin uumneSun hubannoo isaan kafaraniitiIsaan kafaraniif ibidda irraa laga hamaa ta’etu isaaniif jira.
آية رقم 28
Sila isaan amananii, toltuu dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Warra Allaah sodaatanis akka warra yakkamoo ni taasifnaa?
آية رقم 29
(Kun) kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamuuf jecha gara keetti isa buufneedha.
آية رقم 30
Daawuudiifis Suleeymaaniin kennineGabricha akkam tole! Dhugumatti, inni akkaan tawbataadha.
آية رقم 31
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
ﮋ
Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu).
آية رقم 32
Ni jedhe: “ani hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa filadhe.
آية رقم 33
Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene.
آية رقم 34
Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorree turreSiree isaa irratti qaama laafaa darbineSana booda ( tawbaa) deebi’e.
آية رقم 35
Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenniDhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.”
آية رقم 36
Qilleensi isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti.
آية رقم 37
ﯥﯦﯧﯨ
ﯩ
Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne).
آية رقم 38
ﯪﯫﯬﯭ
ﯮ
Warri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne).
آية رقم 39
“Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! herregni homaatuu sirra hin jiru” (janneen).
آية رقم 40
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
ﯽ
Dhugumatti, isaafis Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira.
آية رقم 41
Gabricha keenya Ayyuubiinis yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe) dubbadhu
آية رقم 42
(Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukutiKun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen).
آية رقم 43
Rahmata Nu biraa ta’eefi gorsa warra sammuu qabaniif jecha maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe).
آية رقم 44
“Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen)Dhugumatti, (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarreGabricha akkam gaarii ta’e! Dhugumatti, inni akkaan tawbaa deebi’aadha.
آية رقم 45
Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu.
آية رقم 46
ﭶﭷﭸﭹﭺ
ﭻ
Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine(Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha.
آية رقم 47
ﭼﭽﭾﭿﮀ
ﮁ
Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi.
آية رقم 48
Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi.
آية رقم 49
Kuni (isaaniif) faaruudhaDhugumatti, isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira
آية رقم 50
ﮔﮕﮖﮗﮘ
ﮙ
Jannata qubsumaa kan balballi isaaniif banaa ta’antu jira.
آية رقم 51
Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatuIshee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu.
آية رقم 52
ﮢﮣﮤﮥﮦ
ﮧ
Dubartoota nama biraa ilaaluu irraa ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira.
آية رقم 53
ﮨﮩﮪﮫﮬ
ﮭ
Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha.
آية رقم 54
Dhugumatti, kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru.
آية رقم 55
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
ﯝ
Kun (kan mu’uminootaati)Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira.
آية رقم 56
ﯞﯟﯠﯡ
ﯢ
Jahannama ishee seenantu jiraAfatichi waa fokkate!
آية رقم 57
ﯣﯤﯥﯦ
ﯧ
Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu.
آية رقم 58
ﯨﯩﯪﯫ
ﯬ
[Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira.
آية رقم 59
Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin)“Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan).
آية رقم 60
(Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhaminIsintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee!
آية رقم 61
Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”
آية رقم 62
(Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) warra baay’ee badii hojjatan irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine?
آية رقم 63
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
ﭢ
(Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijatu isaan irraa nu dabe?”
آية رقم 64
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
ﭩ
Dhugumatti, sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati.
آية رقم 65
“Ani akeekkachiisaadha; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi.
آية رقم 66
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiruu, injifataa, araaramaa ta’e malee.
آية رقم 67
ﭿﮀﮁﮂ
ﮃ
Jedhi: “inni (Qur’aanni ) oduu guddaadha.
آية رقم 68
ﮄﮅﮆ
ﮇ
Isin isa irraa garagaltani.
آية رقم 69
Yeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu.
آية رقم 70
Ani sodaachisaa ifa galaa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”
آية رقم 71
Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu].
آية رقم 72
“Ergan isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufee booda isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen).
آية رقم 73
ﮯﮰﮱﯓ
ﯔ
Malaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an.
آية رقم 74
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
ﯛ
Garuu Ibliis boonee, kaafiroota irraa ta’e
آية رقم 75
(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”
آية رقم 76
(Ibliisis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa) irraa isa uumte.”
آية رقم 77
ﯷﯸﯹﯺﯻ
ﯼ
(Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa ba’i; ati dhugumaan (rahmata irraa) fageeffamaadha.
آية رقم 78
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
ﰃ
Hanga guyyaa murtiitti abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”
آية رقم 79
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
ﰊ
(Ibliisis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”
آية رقم 80
ﰋﰌﰍﰎ
ﰏ
(Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen.
آية رقم 81
ﰐﰑﰒﰓ
ﰔ
“Hanga guyyaa yeroo beekamaatti.”
آية رقم 82
ﰕﰖﰗﰘ
ﰙ
(Ibliisis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda nan jallisa.
آية رقم 83
ﰚﰛﰜﰝ
ﰞ
Gabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”
آية رقم 84
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
(Rabbiin) ni jedhe: “Egaa dhugaan (Ana irraayi), Ani dhugumaan jedhas.
آية رقم 85
Jahannamiin siifi isaan irraa namoota si hordofan hundaaniin guuta.”
آية رقم 86
(Yaa Muhammad!) jedhi: “(Qur’aana) kana irratti mindaa isin hin gaafadhuAni warra of dirqan irraayis miti.
آية رقم 87
ﭩﭪﭫﭬﭭ
ﭮ
Inni gorsa aalama hundaati malee homaa miti.
آية رقم 88
ﭯﭰﭱﭲ
ﭳ
Dhugumatti, oduu isaa yeroo booda beekuuf jirtu.”
تقدم القراءة