سورة طه

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة طه باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 2
(Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne
آية رقم 5
Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera.
آية رقم 7
Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka.
آية رقم 11
Yeroma gara ishee dhufu “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee
Dhugumatti, Qiyaamaan dhufaa jirtii akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha (of irraa) ishee dhoksuuttin dhihaadha.
آية رقم 17
Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
(Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee kiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee kiyyaafis isheenin (baala mukaa) harcaasaIshee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira.”
آية رقم 19
(Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
آية رقم 23
Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa akka si agarsiifnuuf.
آية رقم 24
Gara Fir’awnaa deemiDhugumatti, inni daangaa dabree jira.”
آية رقم 25
(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi.
آية رقم 28
Jecha kiyya haa hubatanii.
آية رقم 30
Haaruunuma obboleessa kiyya.
آية رقم 32
Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi.
آية رقم 34
Akka baay’inaanis si yaadannuuf.
آية رقم 36
(Rabbiinis) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta.
(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin kee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu]Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha gara haadha keetiitti si deebifneLubbuus ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree mokkora cimaas si mokkorree jirraErgasii waggaa baay’ee warra Madyan keessa turtee jirtaSana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa!
آية رقم 42
Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa.
آية رقم 43
Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira.
Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti adabbii cimaa nu irratti raawwata; yookiin (nurrattis) daangaa darbuu sodaanna.”
آية رقم 46
(Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaaDhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas.
آية رقم 49
(Fir’awn): “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe
(Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana booda isa qajeelcheedha.”
آية رقم 51
(Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummata darbanii hoo akkam ta’a?”
آية رقم 56
Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides.
آية رقم 57
(Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii keenya irraa sihrii keetiin nu baasuuf dhuftee?
آية رقم 59
(Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree dura walitti qabamuudha.”
آية رقم 60
Ergasii Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee sana booda dhufe.
آية رقم 62
Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan.
Ni jedhan: “Jarri lamaan kun warra falfalaati (sihriitii), falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasanii karaa (shari’a) keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu fedhu.
(Fir’awn) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedhaDhugumatti, harkaafi miila keessan wal dhabsiiseen kukkutaAmmas jirma muka timiraa irrattin isin fannisaIsinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”
Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojii gaarii hojjataa gara Isaa dhufes isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu jira.
آية رقم 78
Fir’awnis hoomaa isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraas wanti isaan haguuge guutumatti isaan haguuge.
آية رقم 79
Fir’awni ummata isaa ni jallise malee (isaan) hin qajeelchine.
Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee moggaa mirga gaara Xuur irrattis waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattiis isin irratti buufnee jirra.
Dhugumatti, nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef inni akkaan araaramaadha
(Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiruYaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
(Rabbiinis) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee bakka ati hin jirretti mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”
[Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigneGaruu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbineAkkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”
Sana booda qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan.
آية رقم 92
(Muusaanis) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge?
آية رقم 93
Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
آية رقم 95
(Muusaanis) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”
(Saamiriyyiinis) “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbeLubbuun kiyyas gocha kana naaf miidhagsite” jedhe.
آية رقم 100
Namni isa (Qur’aana) irraa garagale, dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata.
آية رقم 101
Yeroo hunda isa (adaba ba’aa kanaa) keessa jiraataGuyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate!
آية رقم 102
Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu)Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna.
آية رقم 103
Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (addunyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu
آية رقم 105
Gaarreen irraas si gaafatuAtis “Gooftaan kiyya faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin.
آية رقم 106
“Lafa wal qixxaa’aa biqilaa hin qabne taasisee ishee dhiisa.
Akkanatti dubbifamaa Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessattis akeekkachiisa irraa akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf addeessine.
آية رقم 116
Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jennes [yaadadhu]Ibliisa malee yoosuu sujuuda bu’anInni ni dide
Ergasii ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiitiKanaafuu jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta.
آية رقم 118
Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira.
آية رقم 119
Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”
Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”
آية رقم 125
“Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha.
آية رقم 126
(Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatteAtis hardha akkuma sanitti dagatamta.”
آية رقم 129
Odoo jechattiin Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa ta’a ture.
Ija kee lamaanis gara waan Nuti gareewwan adda addaa isaan (kaafiroota) irraa ta’an akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha ittiin qanansiifne kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee hin diriirsinKennaa Rabbii keetiitu caalaafi irra hafaadha.
Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”
تقدم القراءة