سورة هود

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة هود باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

Alif Laam Raa(Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, sana booda (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraa addaan baafamteedha
“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte)Dhugumatti, ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha
Yoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara)Dhugumatti inni hedduu abdii murataa, hedduu kafaraadha
Yoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwantu narraa deeme” jedhaDhugumatti, inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha.
Yoo isaan isiniif hin awwaatin, inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre beekiSila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin).
Sila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanuAhzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaatiIsa irraa shakkii keessatti hin ta’inDhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedhaGaruu irra hedduun namootaa hin amananu
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra(Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?
[Isaan] “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirtaMormii keenyas baay’essitee jirtaYoo warra dhugaa dubbatan irraa taate, waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi” jedhan.
Sila “(Muhammad) isa (Qur’aana) of irraa uume” jedhuu? “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irra jiraAnis badii isin hojjattan irraa qulquulluudha” jedhiin.
Doonis ilaalcha (tika) keenyaafi ajaja keenyaan hojjadhuWarra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatinDhugumatti, isaan bishaanin dhidhimfamoodha.”
Ni jedhames: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsiYaa samii! (Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaanis xuuxamee hir’ateMurtiin Rabbiis (adabichis) ni raawwatameIsheenis tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatteNi jedhames: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”
“Yaa Nuuh nageenyaa Nu biraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) bu’aa(Sanyii isaanii irraas) ummata fuula dura yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin dhukkubsaan isaan tuqutu jira” jedhame.
Yaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aaBokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaaHumna keessan irrattis humna isiniif dabalaaYakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”
آية رقم 55
Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudhaYoo dandeessan) Tooftaa natti baasaa haala huda taataniin; Sana booda yeroo naaf hin kenninaa.
(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, yoo ani Isa dide Rabbiin jalaa eenyutu na baraarsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu.
آية رقم 67
Iyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabattee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) bariisifatan.
Niitiin isaa dhaabattuu turtee achumaan kolfiteNuti Isihaaqiin, Isihaaq boodas Ya’aquubiin ishee gammachiifne.
Isaan ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa fedha hin qabne beektee jirta, dhugumatti ati waan nuti barbaannu sirritti beekta.”
Yeroo ajajni keenya dhufu, gubbaa ishee (magaalattii) jala ishee taasifnee, Ishee irrattis dhagaa dhoqqee gubamaa wal hordofaa irraa ta’e ishee irratti roobsifne.
(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan mallatteeffamte taatee (ishee roobsine)Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti.
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa)Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhuAni hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhuHaqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taaneIsa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a.
Yeroma ajajni keenya dhufu, Shu’aybiifi warra isa waliin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa baafnee, warra miidhaa hojjatanis iyyansi cimaan ni qabdeManneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta’anii (du’anii) bariisifatan
آية رقم 96
Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een erginee jirra
آية رقم 117
Gooftaan kee magaalaa kamillee, odoo jiraattonni ishee warra toltuu hojjatan ta’anii jiranuu, miidhaan ishee hin balleessu
Nama Gooftaan kee mararfate malee (waldhabuu irraa hin deman)Kanumaafis isaan uumeJechi Gooftaa keetii “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta” jechuun guutamteetti
تقدم القراءة