سورة النمل

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة النّمل باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 2
Mu’uminootaaf qajeelfamaafi gammachiisaadha.
Yeroo Muusaan maatii isaatiin “ani ibidda argeen jira; [deemeetin] ishee irraa odeeffannoo [waa’ee karaa] isiniif fidaYookiin immoo akka isin ho’ifattaniif xombooraa qabsiifamaa wahii isiniif fida” jedhe [yaadadhu].
Yeroma inni ishee bira dhaqu akkana jechuun isatti lallabame: “Inni ibidda keessa jiruufi Inni cinaa ishee jiru khayriin isaa baay’ate; Rabbiin gooftaa aalamaa ta’es qulqullaahe
آية رقم 13
Yeroma mallattoowwan keenya ifa taatee isaanitti dhuftu “kun Sihrii (falfala) ifa bahaadha” jedhan.
Dhugumatti, adabbii cimaan isa adabaYookiin isan gorra’aYookiin immoo ragaa ifaa ta’een natti haa dhufu.”
آية رقم 29
[Mootittiinis] ni jette: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Dhugumatti, ani xalayaan kabajamaan natti darbameera.
آية رقم 30
Dhugumatti, inni Suleymaan irraayyiInnis [qabiyyeen isaa] ‘maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta’eetiin’.
آية رقم 31
Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa [jedha].”
Ni jette: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Dhimma kiyya irratti furmaata na akeekaa; Ani hangan isin hirmaattanitti dhimma kamillee murteessaa hin taane.”
آية رقم 35
Dhugumatti ani kennaa wahii gara isaaniitti ergituudhaWaan ergamtoonni ittiin deebi’anus ilaaltuudha.”
Ni jedhe: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Odoo isaan Muslimtoota ta’anii natti hin dhufin eenyutu Isin irraa siree ishee natti fida?”
Inni beekumsi kitaaba irraa ta’e isa bira jiru tokko immoo ni jedhe: “Ani [libsattee] odoo ijji kee sitti hin deebinen siif fida.” [Suleymaan] yeroma isa biratti ragga’ee argu ni jedhe: “kun tola Gooftaa kootii irraayyiAkka ani Isa galateeffadhuufi Isatti kafaru na mokkoruuf [kana godhe]Namni Isa galateeffate, kan inni galateeffatu lubbuma isaatiifNamni kafares [isuma irratti]Dhugumatti Gooftaan kiyya dureessa, arjaadha” [jedhe]
“Gamoo seeni” isheedhaan jedhameYeroma isa argitu haroo isa seetee mogolee ishee lamaan irraa saaqxe[Suleymaan] ni jedhe: “Dhugumatti, inni kun masaraa mucuceeffamaa daawwitii irraa ta’ee [bishaan keessaan mul’atuudha].” [Isheenis] “Gooftaa kiyya! Ani lubbuu kiyya miidheeraSuleymaanii wajjin Allaah Rabbii aalama hundaa ta’etti harka kenne (Islaamawe)” jette.
[Saalihis] ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Maaliif toltuu dura hamtuu (adabbii) jarjarfattu? Akka rahmanni isinii godhamuuf maaliif Rabbiin araarama hin kadhanne?”
Ni jedhan: “Dhugumatti isaafi maatii isaa halkan keessa akka balleessinee sana booda fira isaatiin ‘nuti ajjeechaa maatii isaa bira hin jirru; nuti dhugaa dubbattoota’ jechuuf Rabbiin waliif kakadhaa.”
Booddeen tooftaa isaanii akkam akka ta’e ilaali! Dhugumatti, Nuti isaaniifi ummata isaanii guutumatti balleessine.
آية رقم 54
Luuxiinis yeroo inni ummata isaatiin “sila odoo argitanii gocha fokkataa hojjattuu?” jedhe [yaadadhu].
آية رقم 57
Isaafi maatii isaa ni baraarsineGaruu niitii isaa warra [adabbii keessatti] hafan irraa ta’uu ishee murteessine
[Yaa Muhammad] jedhi: “Faaruun hundi kan Rabbiiti; gabroota Isaa kan [Inni] filate irras nageenyi haa jiraatuSila Rabbi moo wantoota isaan [Isatti] dabalantu caala?”
Sila Isa dachii tasgabbooftuu taasise, kan ishee keessattis laggeen taasise, kan isheef gaarreen gadi lixan taasise, kan gidduu galaanota lamaatti girdoo taasise moo [warra isaan isatti dabalantu caala]? Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekanu
Sila Isa yeroo namni rakkataan (muddamaan) Isa kadhate jalaa owwaatee hamtuu saaquufi bakka bu’oota dachii isin taasisu [moo waan isaan Rabbitti dabalantu caala?] Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Hangi isin gorfamtan xiqqaadha.
آية رقم 77
Dhugumatti inni mu’uminootaaf qajeelfamaafi rahmata.
آية رقم 85
Waan isaan miidhaa dalaganiif jechi (adabbiin) isaan irratti argameKanaafuu isaan sababa hin dhiheeffatanu.
“Faaruun hundi kan AllaahtiInnis fuulduratti mallattoolee Isaa isinitti agarsiisaIsinis ishee beekuuf jirtu” jedhiinRabbiin kee waan isin dalagdan irraa dagataa miti.
تقدم القراءة