ترجمة معاني سورة المطفّفين باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
ﯖﯗ
ﯘ
Warra (safara) hir’isuuf badiin haa ta’u!
آية رقم 2
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
ﯟ
Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan,
آية رقم 3
ﯠﯡﯢﯣﯤ
ﯥ
Yeroo namootaaf safaran yookiin madaalan immoo hir’isan.
آية رقم 4
ﯦﯧﯨﯩﯪ
ﯫ
Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii?
آية رقم 5
ﭑﭒ
ﭓ
Guyyaa guddaadhaaf.
آية رقم 6
ﭔﭕﭖﭗﭘ
ﭙ
Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu.
آية رقم 7
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
ﭠ
Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a.
آية رقم 8
ﭡﭢﭣﭤ
ﭥ
"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
آية رقم 9
ﭦﭧ
ﭨ
Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama).
آية رقم 10
ﭩﭪﭫ
ﭬ
Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.
آية رقم 11
ﭭﭮﭯﭰ
ﭱ
Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif.
آية رقم 12
Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru.
آية رقم 13
Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte"ogbarruu warra duriiti" jedha.
آية رقم 14
Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge.
آية رقم 15
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
ﮓ
Dhagayaa! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha.
آية رقم 16
ﮔﮕﮖﮗ
ﮘ
Ergasii isaan ibidda galtoota.
آية رقم 17
Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama.
آية رقم 18
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
ﮧ
Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessa ta'a.
آية رقم 19
ﮨﮩﮪﮫ
ﮬ
"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
آية رقم 20
ﮭﮮ
ﮯ
Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame).
آية رقم 21
ﮰﮱ
ﯓ
Warra Rabbitti dhiheeffamantu itti hirmaata.
آية رقم 22
ﯔﯕﯖﯗ
ﯘ
Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananii keessa jiraatu.
آية رقم 23
ﯙﯚﯛ
ﯜ
Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu.
آية رقم 24
ﯝﯞﯟﯠﯡ
ﯢ
Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta.
آية رقم 25
ﯣﯤﯥﯦ
ﯧ
Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu.
آية رقم 26
Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman.
آية رقم 27
ﯰﯱﯲ
ﯳ
Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi.
آية رقم 28
ﯴﯵﯶﯷ
ﯸ
(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha.
آية رقم 29
Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan.
آية رقم 30
ﰂﰃﰄﰅ
ﰆ
Yeroo isaan bira dabran wal akeeku.
آية رقم 31
ﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
ﰍ
Yeroo gara maatii isaanii deebi'anis gammadaa deebi’u.
آية رقم 32
ﰎﰏﰐﰑﰒﰓ
ﰔ
Yeroo isaan arganis "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu.
آية رقم 33
ﰕﰖﰗﰘ
ﰙ
Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin.
آية رقم 34
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa.
آية رقم 35
ﭘﭙﭚ
ﭛ
Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu.
آية رقم 36
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
ﭢ
"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu]
تقدم القراءة