ترجمة معاني سورة إبراهيم باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
Alif Laam Raa(Inni) kitaaba akka ati nama hayyama Gooftaa isaanitiin dukkana (kufrii) irraa gara ifaa (Islaamaa), gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’ee baaftuuf gara keetti buufneedha
آية رقم 2
Rabbiin Isa wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’eedhaBadiin adabbii cimaa irraa ta’e kaafirootaaf qophaa’eera.
آية رقم 3
Isaan warra jireenya addunyaa kanaa isa Aakhiraa irra jaalatanii, karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi jallina ta’uu ishee barbaadaniidhaIsaan sun jallina fagoo keessa jiru
آية رقم 4
Nuti ergamaa irraa tokkos akka inni (ergaa keenya) isaaniif addeessuf jecha afaan ummata isaatiin malee hin ergineRabbiin nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelchaInnis injifataa, ogeessa.
آية رقم 5
Nuti dhugumatti Muusaa raajiwwan keenyaan “Ummata kee dukkana irraa gara ifaatti baasi, Guyyoota Rabbiitiin isaan yaadachiisi” jechuun erginee jirraDhugumatti, kana keessa warra akkaan obsanii, cimsanii galateeffatan hundaaf mallattooleetu jira.
آية رقم 6
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhu]:“Ni’imaa Rabbii kan yeroo adabbii laalessaa isin dhandhamsiisaa; ilmaan keessan qaqqalaa; dubartoota keessan lubbuun akka jiraatan kan dhiisan ta’anii ummata Fir’awni irraa isin baraarse of irratti yaadadhaaKana keessa mokkoroo guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira
آية رقم 7
Ammas yeroo Gooftaan keessan lallabee: “Yoo na galateeffattan, (ni’imaa kiyya irraa) isiniifin dabalayoo natti kafartan, dhugumatti adabbiin kiyya akkaan hamaadha” (jedhe yaadadhaa).
آية رقم 8
Muusaanis “Yoo isiniifi namoonni dachii irra jiran walumaa galatti kafartan (Rabbiin homaa hin miitan)” jedhedhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha.
آية رقم 9
Sila oduun warra isin dura turanii isin hin geenyee? (Oduun) Kan ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaa kan Rabbiin malee homtuu isaan hin beekne (isin hin geenyee)? Ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin itti dhufanii harka isaanii afaan isaanii keessatti deebisani“Dhugumatti, nuti isa isin ittiin ergamtanitti kafarree jirraAmmas nuti isa isin itti nu waamtan irraa mamii dhamaasaa keessa jirra” jedhan.
آية رقم 10
Ergamoonni isaaniis ni jedhan: “Sila Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan badii keessan irraa isiniif araaramuufi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu (jiraachuu isaa) keessa shakkiin jiraa?” [Isaan] “Isin namuma akka keenyaa kan waan abbootiin keenya gabbaraa turan irraa nu dhorguu barbaadu malee homaa hin taane; mee ragaa ifa ta’een nutti kottaa” jedhan.
آية رقم 11
Ergamoonni isaanii isaanin ni jedhan: “Nuti nama akka keessanii malee homaa hin taaneGaruu Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti tola oolaNuti hayyama Rabbiitiin ala taaytaa (ragaa) tokkoonis isinitti dhufuun nuuf hin taaneMu’uminoonni Rabbi irratti (qofa) haa hirkatanu.
آية رقم 12
Sila dhugumatti odoo Inni karaa keenya nu qajeelchee jiruu maaltu nuuf jiraayyi Rabbi irratti hin hirkanne! Dhugumatti rakkoo isin nurrraan geessan irratti ni obsinaHirkattoonni Rabbi irratti haa hirkatu.”
آية رقم 13
Warri kafaran ergamtoota isaaniitiin “dhugumatti, nuti dachii keenya irraa isin baafna yookiin gara amantii keenyaa akka deebitan” jedhanRabbiin isaaniis “Nuti dhugumatti miidhaa hojjattoota ni balleessina” jechuu beeksisa gara isaanitti godhe.
آية رقم 14
“Dhugumatti isaan booda dachittii irra isin qubsiifnaKun nama Na dura dhaabbachuu sodaateefi dinniina kiyyas sodaateefi.”
آية رقم 15
ﮣﮤﮥﮦﮧ
ﮨ
(Ergamoonnis Rabbi irraa) deeggarsa barbaadanOf tuulaan, mormaan hundi ni hoonga’e.
آية رقم 16
Fuuldura isaas jahannamtu jiraBishaan malaa irraas obaafama.
آية رقم 17
Fedha isaatiin ala liqimsuutti dirqama; gadi isa liqimsuuttis hin dhiyaatu (hin danda’u)Duuti kallattii hunda irraa isatti dhufaInnis kan du’uu mitiFuuldura isaas adabbii guddaa ta’etu jira
آية رقم 18
Fakkeenyi warra Rabbii isaaniitti kafaranii, dalagaaleen isaanii akka daaraa guyyaa bubbee cimaa qilleensi itti hammaatteetiWaan hojjatan irraa homaattuu (fayyadamuu) hin danda’anKun isatu jallina fagoodha
آية رقم 19
Sila dhugumatti Rabbiin samiifi dachii dhugaan uumuu hin argituu? (Rabbiin) yoo fedhe isin adeemsiseetiin uumama haaraa fida.
آية رقم 20
ﭡﭢﭣﭤﭥ
ﭦ
Kunis Rabbi irratti jabaa hin taane.
آية رقم 21
Hunda ta’anii Rabbiif mul’atandadhaboonnis isaan boonaniin “dhugumatti, nuti hordoftoota keessan turree, sila isin adabbii Rabbii irraa homa tokko nurraa deebisoo dhaa?” jedhan(Isaan boonanis) “Odoo Rabbiin nu qajeelchee, silaa nutis isin qajeelchina turre(Har’a) obsinus obsuu baannus nurratti waluma qixaIddoon baqannaa tokkos nuuf hin jiru” jedhu.
آية رقم 22
yeroma dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedhe: “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif galeera; anis waadaa isiniif galeen isin ganeIsin waamnaanuma naaf owwaattan malee anaaf isin irratti aangoon tokkollee hin taaneofuma komadhaa malee ana hin komatinaaAni isiniif birmataa miti; isiniis naaf birmatoo mitiAni waan isin duraan (Rabbitti) na qindeessitan mormeera.” Dhugumatti, miidhaa raawwattoonni adabbii laalessaatu isaaniif jira.
آية رقم 23
Isaan amananii gaggaarii hojjatanis hayyama Gooftaa isaaniitiin ishee keessatti kan hafan ta’anii jannata laggeen ishee keessa yaatu seensifamanWal kabajaan isaanii ishee keessatti ‘salaam’ (jechuu dha).
آية رقم 24
Sila akka Rabbiin jecha gaarii akka muka gaarii hundeen ishee gadi dhaabbataa ta’ee dameen ishees samii keessatti ta’eetti fakkeenya godhe hin arginee?
آية رقم 25
Yeroo hundas hayyama Gooftaa isheetiin firii ishee ni kennitiAkka gorfamanuuf jecha Rabbiin fakkeenya namootaaf godha.
آية رقم 26
Fakkeenyi jecha fokkataa akka muka fokkataa gubbaa dachii irraa buqqifamtee isheedhaaf gadi dhaabannaan hin taaneeti.
آية رقم 27
Warra amanan jireenya addunyaafi Aakhiraa keessatti jecha gadi dhaabbataadhaan Rabbiin gadi (isaan) dhaabaRabbiin miidhaa hojjattoota ni jallisaRabbiin waan fedhe hojjata.
آية رقم 28
Sila gara isaan ni’imaa Rabbii kufriin jijjiiranii, ummata isaanii ganda badii qubsiisanii hin ilaallee?
آية رقم 29
ﮐﮑﮒﮓﮔ
ﮕ
Ishee kan seenan ta’anii Jahannamiin (seensisfaman)Iddoon qubannaa waa fokkate!
آية رقم 30
Karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf Rabbiif hiriyoota godhan“Dhugumatti deebiin keessan gara ibiddaatii (yeroo xiqqoof) qanani’aa!” jedhiin
آية رقم 31
(Yaa Muhammad!) gabroota kiyya warreen amananiin “odoo guyyaan bittaa gurgurtaafi jaalalleen isa keessa hin jirre hin dhufin dura salaata ni dhaaban, waan Nuti isaaniif kennine irraas kan dhoksaniifi mul’isan ta’anii ni arjoomu (sagadaa, arjoomaa)” jedhiin.
آية رقم 32
Rabbiin Isa samiifi dachii uumee samii irraas bishaan (rooba) buusee ittiin fuduraa irraa soorata isiniif baaseedhaDooniis akka ajaja Isaatiin galaana keessa deemtu isiniif laaffise; laggeenis isiniif laaffise.
آية رقم 33
Aduufi ji’as walitti fufuun kan deeman ta’anii isiniif laaffisee halkaniifi guyyaas isiniif laaffise.
آية رقم 34
Waan isin Isa kadhattan hunda irraa isiniif kenneTola Rabbii odoo lakkooftaniis ishee fixuu hin dandeessanuDhugumatti, namoonni daran miidhaa hojjataa daran kafaraadha.
آية رقم 35
Yeroo Ibraahiim jedhu [yaadadhu]:“Gooftaa kiyya! Biyya kana (Makkaan) tasgabbaa’aa taasisiAnaafi ilmaan kiyyaas taabota gabbaruu irraa nu fageessi.
آية رقم 36
Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan hedduu nama irraa ta’e jallisanii jiru; Namni na hordofe, inni anarraayyiNama na dide immoo dhugumatti Ati araaramaa, rahmata godhaadha.
آية رقم 37
Gooftaa keenya! Ani garii maatii kiyya irraa ta’e bowwaa (laga) qonna hin qabne, mana kee kabajamaa biratti dhiiseen jiraGooftaa keenya! Akka salaata gadi dhaabaniif jecha nama irraas onnee (isaanii) kan gara isaanii hawwitu taasisi; Akka isaan Si galateeffataniif fuduraalee irraas isaan soori.
آية رقم 38
Gooftaa keenya! Ati waan nuti dhoksinuufi waan nuti ifa goonu ni beektaRabbi irratti dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu hin dhokatu
آية رقم 39
Faaruun (hundi) kan Rabbii manguddummaa irratti Ismaa’iiliifi Isihaaqiin naaf kenneetiDhugumatti, Gooftaan kiyya kadhaa dhaga’aadha
آية رقم 40
Gooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhiIlmaan kiyya irraas (akkasuma)Gooftaa keenya! kadhaa kiyyas narraa qeebali.
آية رقم 41
Gooftaa keenya! Anaaf, haadhaafi abbaa kiyyaafi mu’uminoota hundaafis guyyaa qormaanni godhamu san araarami.”
آية رقم 42
Rabbiin Waan miidhaa hojjattoonni raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadinKan Rabbiin isaan tursiisuuf guyyaa isa keessa ijji banamtuufi ol fuudhamtuufi.
آية رقم 43
(Gara waamichaatti) mataa isaanii kan ol kaasan ta’anii (ijji isaanii ol kaati)Ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebituQalbiin (sammuun) isaaniis duwwaadha.
آية رقم 44
Guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan: “Gooftaa keenya! hanga beellama muraasaatti nu tursiisi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna” jedhan sana namoota akeekkachiisi“Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi nuuf hin jiru jechuun kakachaa hin turree?
آية رقم 45
Manneen warra lubbuu ofii miidhanii keessas hin jiraannee? Akkam akka isaanitti hojjannes ifa isiniif ta’eeraFakkeenya hedduus isiniif gooneerra” (jedhamaan).
آية رقم 46
(Isaan) dhugumatti mala isaanii malaniiruMalli isaanii (galanni isaa) Rabbiin bira jiraTooftaan isaaniis kan gaarri isa irraa bakka deemtuu miti.
آية رقم 47
Rabbiin waadaa Isaa kan ergamtoota Isaatiif gale diigaa ta’uu hin yaadinDhugumatti, Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bahannaati.
آية رقم 48
Guyyaa dachiin dachii biraatti jijjiiramtee samiinis (akkasuma taatee), Rabbii tokkicha, injifataa ta’eef (uumamni hundi) walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu].
آية رقم 49
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
ﯔ
Guyyaa san badii hojjattoota takaallaa keessatti kan walitti qindaa’an ta’anii argita.
آية رقم 50
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
ﯛ
Qamiisni isaaniis “qanxiraana” (reenjii) irraayyiIbiddis fuula isaanii ni haguugdi
آية رقم 51
Rabbiin lubbuu hunda waan isheen dalagdeen mindaa galchuuf (kana godhe)Dhugumatti, Rabbiin herregni isaa saffisaadha.
آية رقم 52
(Qur’aanni) kun akka ittiin akeekkachiifamanu, Inni (Rabbiin) gabbaramaa tokkicha ta’uu akka beekaniifi warri sammuu qaban akka ittiin gorfamaniif namaaf qaqqabsiifamaadha (gahaa dha).
تقدم القراءة