ترجمة معاني سورة طه باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
ﭵ
ﭶ
Xaa haa.
آية رقم 2
ﭷﭸﭹﭺﭻ
ﭼ
(Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne
آية رقم 3
ﭽﭾﭿﮀ
ﮁ
Nama Rabbiin sodaatu yaadachiisuuf malee
آية رقم 4
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
ﮈ
Isa dachiifi samii ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha.
آية رقم 5
ﮉﮊﮋﮌ
ﮍ
Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera.
آية رقم 6
Wanti samii, dachiifi gidduu isaan lamaanii jiruufi wanti biyyee jala jiru hundi kan Isaati
آية رقم 7
Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka.
آية رقم 8
Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMaqoonni babbareedoon kan Isaa (qofa)
آية رقم 9
ﮭﮮﮯﮰ
ﮱ
Sila oduun Muusaa sitti dhufeeraa?
آية رقم 10
Yeroo Ibidda argu maatii isaatin “as taa’aa ani ibiddaan argee, waan irraa qabsiifatanin isinii fida yookiin ibidda biraa nama (karaa irratti) na qajeelchu argachuun kajeelaa” jedhe
as taa'aa
آية رقم 11
ﯦﯧﯨﯩ
ﯪ
Yeroma gara ishee dhufu “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee
آية رقم 12
“Dhugumatti, Ani Gooftaa keeti; kophee kee baafadhu, ati laga qulqulleeffamaa, Xuwaa keessa jirtaa.
آية رقم 13
ﭑﭒﭓﭔﭕ
ﭖ
Ani si filadheeraa waan buufamu dhageeffadhu.
آية رقم 14
Dhugumatti, Ani Allaahdha; Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru! Ana gabbariYaadannoo kiyyaaf salaatas seeraan salaati.
آية رقم 15
Dhugumatti, Qiyaamaan dhufaa jirtii akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha (of irraa) ishee dhoksuuttin dhihaadha.
آية رقم 16
Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe ishee irraa gara si hin galchin! (Yoo isa hordofte) ni badda.”
آية رقم 17
ﭹﭺﭻﭼ
ﭽ
Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
آية رقم 18
(Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee kiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee kiyyaafis isheenin (baala mukaa) harcaasaIshee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira.”
آية رقم 19
ﮌﮍﮎ
ﮏ
(Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
آية رقم 20
ﮐﮑﮒﮓﮔ
ﮕ
Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigu taate.
آية رقم 21
(Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatinis; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa.
آية رقم 22
Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansiMallattoo biraa ta’uun dhibee (tokko) malee adii taatee baati.”
آية رقم 23
ﮫﮬﮭﮮ
ﮯ
Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa akka si agarsiifnuuf.
آية رقم 24
ﮰﮱﯓﯔﯕ
ﯖ
Gara Fir’awnaa deemiDhugumatti, inni daangaa dabree jira.”
آية رقم 25
ﯗﯘﯙﯚﯛ
ﯜ
(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi.
آية رقم 26
ﯝﯞﯟ
ﯠ
(Hojii) kiyyaas naaf laaffisi.
آية رقم 27
ﯡﯢﯣﯤ
ﯥ
Hidhaas (Cabaqas) arraba kiyya irraa hiiki.
آية رقم 28
ﯦﯧ
ﯨ
Jecha kiyya haa hubatanii.
آية رقم 29
ﯩﯪﯫﯬﯭ
ﯮ
Maatii kiyya irraas gargaaraa naaf godhi.
آية رقم 30
ﯯﯰ
ﯱ
Haaruunuma obboleessa kiyya.
آية رقم 31
ﯲﯳﯴ
ﯵ
Isaan irree kiyya cimsi.
آية رقم 32
ﯶﯷﯸ
ﯹ
Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi.
آية رقم 33
ﯺﯻﯼ
ﯽ
Akka baay’ee si faarsinuuf.
آية رقم 34
ﯾﯿ
ﰀ
Akka baay’inaanis si yaadannuuf.
آية رقم 35
ﰁﰂﰃﰄ
ﰅ
Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.”
آية رقم 36
ﰆﰇﰈﰉﰊ
ﰋ
(Rabbiinis) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta.
آية رقم 37
ﰌﰍﰎﰏﰐ
ﰑ
Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre.
آية رقم 38
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Yeroo waan beeksifamu gara harmee keetii (wahyii) buufne.
آية رقم 39
Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga keessatti isa darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas isa fudhataJaalala Ana biraa ta’es si irratti darbeera; tika kiyya irratti akka guddattuuf.
آية رقم 40
(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin kee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu]Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha gara haadha keetiitti si deebifneLubbuus ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree mokkora cimaas si mokkorree jirraErgasii waggaa baay’ee warra Madyan keessa turtee jirtaSana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa!
آية رقم 41
ﮖﮗ
ﮘ
Anis ofiif si filadheera.
آية رقم 42
Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa.
آية رقم 43
ﮢﮣﮤﮥﮦ
ﮧ
Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira.
آية رقم 44
Akka gorfamuuf yookiin akka sodaachuu sodaatuuf jecha, jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa.”
آية رقم 45
Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti adabbii cimaa nu irratti raawwata; yookiin (nurrattis) daangaa darbuu sodaanna.”
آية رقم 46
(Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaaDhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas.
آية رقم 47
Isin lachanuu isa bira dhaqaa: ‘Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin adabinis; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa kee biraa sitti dhufneNageenyis nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti’ jedhaanii.
آية رقم 48
“Dhugumatti, adabbiin nama sobsiisee garagale irratti ta’uun gara keenyatti wahyiin godhameera.”
آية رقم 49
ﰉﰊﰋﰌ
ﰍ
(Fir’awn): “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe
آية رقم 50
(Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana booda isa qajeelcheedha.”
آية رقم 51
ﰘﰙﰚﰛﰜ
ﰝ
(Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummata darbanii hoo akkam ta’a?”
آية رقم 52
(Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jiraGooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus.”
آية رقم 53
(Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse saniIsaan (bokkaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne.
آية رقم 54
(Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaaDhugumatti, kana keessa namoota sammuu qabaniif mallattotu jira.
آية رقم 55
Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna.
آية رقم 56
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
ﮍ
Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides.
آية رقم 57
(Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii keenya irraa sihrii keetiin nu baasuuf dhuftee?
آية رقم 58
Nutis sihrii fakkaataa isaatiin siif dhufnaKanaaf gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama nutiifi atis irraa hin hafne iddoo giddu galeessa ta’etti godhi.”
آية رقم 59
(Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree dura walitti qabamuudha.”
آية رقم 60
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
ﯕ
Ergasii Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee sana booda dhufe.
آية رقم 61
Muusaan isaaniin “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessaDhugumatti, namni (Rabbi irratti) soba odeesse hoonga’ee jira” jedhe
آية رقم 62
ﯧﯨﯩﯪﯫ
ﯬ
Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan.
آية رقم 63
Ni jedhan: “Jarri lamaan kun warra falfalaati (sihriitii), falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasanii karaa (shari’a) keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu fedhu.
آية رقم 64
Kanaafuu tooftaa keessan walitti qabadhaa; sana booda hiriiraan koottaaDhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera.
آية رقم 65
Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin
آية رقم 66
(Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbaa!” jedheBattalumatti haadni isaaniifi uleen isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu itti fakkeeffama.
آية رقم 67
ﭫﭬﭭﭮﭯ
ﭰ
Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame.
آية رقم 68
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
ﭷ
“Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu mooha” jenneen.
آية رقم 69
“Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsitiWanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuutiNamni falfala hojjatu bakkuma dhufettuu hin milkaa’u.”
آية رقم 70
Ergasii warri falfala hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruniifi Muusaatti amanne” jedhan
آية رقم 71
(Fir’awn) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedhaDhugumatti, harkaafi miila keessan wal dhabsiiseen kukkutaAmmas jirma muka timiraa irrattin isin fannisaIsinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”
آية رقم 72
Ni jedhan: “Waan nutti dhufe kan ragaawwan ifa bahan irraa ta’eefi Isa nu uume irra si hin filannuKanaafuu waan murteessitu murteessi! Wanti ati murteessitus jiruma addunyaa kana qofa.
آية رقم 73
“Akka Inni dogoggora keenyaafi falfala irraas waan ati isatti nu dirqisiifte nuuf araaramuuf, dhugumatti, nuti Gooftaa keenyatti amannee jirraRabbitu caalaafi hafaadha
آية رقم 74
Dhugumatti, namni badii hojjataa ta’ee gara Rabbii isaa dhufe, isaaf dhugumatti, jahannamtu jira; ishee keessatti hin du’u, hin jiraatus
آية رقم 75
Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojii gaarii hojjataa gara Isaa dhufes isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu jira.
آية رقم 76
Jannata qubsumaa kan jala ishee laggeen yaatutu (isaanif jira); ishee keessa yeroo hunda jiraatuKun immoo mindaa nama qulqulleeffateeti.
آية رقم 77
Dhugumatti, gara Muusaa “Gabroota kiyya qabadhuu halkaniin deemi! Isaaniifis galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu isaa) hin sodaattu” jechuun wahyii goonee jirra:
آية رقم 78
Fir’awnis hoomaa isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraas wanti isaan haguuge guutumatti isaan haguuge.
آية رقم 79
ﭭﭮﭯﭰﭱ
ﭲ
Fir’awni ummata isaa ni jallise malee (isaan) hin qajeelchine.
آية رقم 80
Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee moggaa mirga gaara Xuur irrattis waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattiis isin irratti buufnee jirra.
آية رقم 81
Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa; (yoo dabartan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’aNamni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade.
آية رقم 82
Dhugumatti, nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef inni akkaan araaramaadha
آية رقم 83
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
ﮥ
“Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen).
آية رقم 84
(Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiruYaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
آية رقم 85
(Rabbiinis) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee bakka ati hin jirretti mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”
آية رقم 86
Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”
آية رقم 87
[Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigneGaruu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbineAkkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”
آية رقم 88
Sana booda qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan.
آية رقم 89
Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii?
آية رقم 90
Dhugumatti, sana duras Haaruun “Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidhaGooftaan keessan immoo Rahmaani; ana hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa” isaaniin jedhee ture.
آية رقم 91
[Isaan] “Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu” jedhan.
آية رقم 92
(Muusaanis) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge?
آية رقم 93
ﮏﮐﮑﮒﮓ
ﮔ
Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
آية رقم 94
(Haaruunis) “Yaa ilma harmee kiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya hin qabinDhugumatti, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe” jedhe
آية رقم 95
ﮩﮪﮫﮬ
ﮭ
(Muusaanis) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”
آية رقم 96
(Saamiriyyiinis) “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbeLubbuun kiyyas gocha kana naaf miidhagsite” jedhe.
آية رقم 97
(Muusaanis) ni jedhe: “DeemiDhugumatti, jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas dhugumatti, siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jiraGara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaaliNuti dhugumatti, isa gubna; sana booda (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.”
آية رقم 98
Dhugaan gabbaramaan keesan Allaah Isa Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofaInni waan hunda beekumsaan wal ga’eera.
آية رقم 99
Akkuma oduu (warra Fir’awn) kanatti waan dur dabre irraa sitti odeessinaNuti dhugumatti, of biraa yaadannoo (Qur’aana) siif kenninee jirra.
آية رقم 100
Namni isa (Qur’aana) irraa garagale, dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata.
آية رقم 101
Yeroo hunda isa (adaba ba’aa kanaa) keessa jiraataGuyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate!
آية رقم 102
Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu)Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna.
آية رقم 103
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
ﮂ
Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (addunyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu
آية رقم 104
Nuti yeroo mala irra beekaan isaanii “isin guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu waan isaan jedhan akkaan beekna.
آية رقم 105
Gaarreen irraas si gaafatuAtis “Gooftaan kiyya faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin.
آية رقم 106
ﮘﮙﮚ
ﮛ
“Lafa wal qixxaa’aa biqilaa hin qabne taasisee ishee dhiisa.
آية رقم 107
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
ﮢ
Ishee keessatti bu’aa bahiis hin argitu.”
آية رقم 108
Guyyaa san lallabaa hordofu; asiifi achi irraa dabuun isaaniif hin jiraatuSagaleen hunduu Rahmaaniif gadi jettiShokoksaa malee homaa hin dhageessu.
آية رقم 109
Guyyaa san manguddummaan homaa hin fayyaddu; nama Rahmaan isaaf hayyameefi jecha isaas irraa jaallateef malee.
آية رقم 110
Inni waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniitis beekaIsaan immoo beekumsaan isa hin marsine
آية رقم 111
Fuulli (Rabbii) jiraataa, waan hundaan dhaabatuuf gadi jetteDhugumatti, namni miidhaa baadhate hoonga’e.
آية رقم 112
Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, (hamtuu irratti) dabaluus ta’ee hirdhina (mindaa isaa) hin sodaatu.
آية رقم 113
Akkanatti dubbifamaa Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessattis akeekkachiisa irraa akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf addeessine.
آية رقم 114
Egaa Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eeraOdoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana (dubbisuutti) hin jarjarin“(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi
آية رقم 115
Dhugumatti, sana duras Aadamitti beeksisa goonee, dagatee tureNuti kutannoo isaaf hin argine.
آية رقم 116
Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jennes [yaadadhu]Ibliisa malee yoosuu sujuuda bu’anInni ni dide
آية رقم 117
Ergasii ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiitiKanaafuu jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta.
آية رقم 118
Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira.
آية رقم 119
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
ﮖ
Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”
آية رقم 120
Ergasii sheyxaanni gara isaatti hasaasee: “Yaa Aadam! Gara muka yeroo hundaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?” jedheen
آية رقم 121
Yoosuu isaan lamaan ishee irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa of irratti maxxansuu eegalanAadamis ajaja Gooftaa isaa didee dogoggore.
آية رقم 122
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
ﯝ
Sana booda Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche
آية رقم 123
(Rabbiin) ni jedhe: “Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aaErgasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus.
آية رقم 124
Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”
آية رقم 125
“Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha.
آية رقم 126
(Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatteAtis hardha akkuma sanitti dagatamta.”
آية رقم 127
Egaa akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin mindaa isaaf kenninaadabbii Aakhiraatu irra cimaafi irra hafaadha.
آية رقم 128
Sila dhaloota isaaniin duraa irraa (heddu) kan isaan manneen isaanii keessa deemaa jiran meeqaatama balleessuun keenya isaaniif adda hin baanee? Dhugumatti, kana keessa abbootii sammuutiif mallattooleetu jira.
آية رقم 129
Odoo jechattiin Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa ta’a ture.
آية رقم 130
Waan isaan jedhan irratti obsiGooftaa keetis baha biiftuu duraafi lixa ishee dura faaruun Isa qulqulleessiYeroo halkaniitiifi qarqara guyyaa irraas (Isa) qulqulleessi(Kunis mindaa inni siif kennu) akka jaallattuufi.
آية رقم 131
Ija kee lamaanis gara waan Nuti gareewwan adda addaa isaan (kaafiroota) irraa ta’an akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha ittiin qanansiifne kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee hin diriirsinKennaa Rabbii keetiitu caalaafi irra hafaadha.
آية رقم 132
Maatii keetis salaatatti ajaji; ishee irrattis obsiNuti soorata si hin gaafannuNutu si sooraBooddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi.
آية رقم 133
Ni jedhanis: “Maaliif Gooftaa isaa irraa mallattoo wahiitin nutti hin dhufne?” Sila ragaan ifa taate kan kitaabota durii keessa jirtu isaanitti hin dhufnee?
آية رقم 134
Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”
آية رقم 135
(Yaa Muhammad!): “Hunduu eegaadhaIsinis eegaaNamni warra karaa sirrii ta’eefi namni qajeele eenyuun akka ta’e beekuuf jirtu” jedhi
تقدم القراءة