سورة الفرقان

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة الفرقان باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte.
“(Kun) hogbarruu warra durii ishee barreessisee isheenis ganamaafi galgala isa irratti dubbifamtuudha” jedhan
”Yookiin immoo maaliif qabeenyi guddaan wahii gara isaatti hin darbamne? Yookiin ashaakiltii ishee irraa nyaatu maaliif isaaf hin taane?” (jedhu)Miidhaa hojjatoonnis “isin nama falfalli itti hojjatame malee [nama fayyaa] hordafaa hin jirtan” jedhan.
Yeroo takaalamanii (harki isaanii morma isaaniitti hidhamee) ishee irraa iddoo dhiphootti darbamanis achitti badii waammatan.
آية رقم 14
“Har’a badii tokko qofa hin waaminaatii badii hedduu waamaa” [hin argattanu isaaniin jedhama].
Kan keessatti hafan ta’anii ishee keessatti wanta fedhan hundatu isaaniif jira; [Kunis] gooftaa kee irratti waadaa kadhatamaa (kan mu’uminoonni duraan Rabbiin kadhatan) ta’eera.
Dhugumatti, waan isin jettan keessatti isin sobsiisaniiruKanaafuu [adabbii Rabbii] deebisuus ta’ee [warra adabbiin tuquuf] tumsuu hin dandeessanNama isin irraa miidhaa hojjates adabbii guddaa isa dhandhamsiifna.
Guyyaa isaan Maleykota argan, guyyaa san jallattootaaf gammachuun hin jiru[Maleykonnis] “(gammachuun kamillee isin irratti) dhorgamiinsa dhorgamaadha[]” jedhu.
آية رقم 24
Warri Jannataa guyyaa san iddoo jireenyaa keessatti akkaan caalaa; iddoo boqonnaattis akkaan miidhagaadha
Guyyaa miidhaa hojjattoonni “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhee [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinu [yaadadhaa].
آية رقم 28
”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee onnee taasifachuu baadhee maal qaba!
Ergamichis “Yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni kiyya Qur’aana kana dhiifamaa (oodamaa) taasifatan” jedhe.
Akkuma kana nabiyyii hundaafuu jallattoota irraa diina isaaniif gooneKaraa irratti qajeelchuufi [Mu’uminaaf] tumsuu irratti Rabbiin kee ga’aadha.
آية رقم 33
Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaarii ta’e siif kennine malee gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan
Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba (Tawraatiin) kenninee Obboleessa isaa Haaruuniinis isa waliin deeggaraa taasifnee jirra.
”Gara warra keeyyattoota keenya sobsiisanii deemaa” isaaniin jenneAchumaan [ergamaan lamaan sobsiifnaan] balleessuu isaan balleessine.
”Odoo nuti isaan [gabbaruu] irratti obsuu baannee, silaa (Muhammad) gabbaramtoota keenya irraa nu jallisuutti dhihaatee ture” (jedhu)Fuulduratti yeroo adabbii argan immoo namni karaa bade eenyuun akka ta’e beekuuf jiru
Sila nama gabbaramaa isaa fedhuma lubbuu isaa taasifate hin arginee? Sila ati isa irratti tiksaa (eegaa) taataa?
آية رقم 46
Ergasiis qabiinsa suuta suutaa gara keenyatti isa (gaaddisa) qabne (hir’isne)
Akka dachii duute isaan jiraachisnuufi waan uumne irraa horiifi namoota baay’ee isa obaasnuuf [Samii irraa rooba buufne]
Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha gidduu isaaniitti isa raabsinee jirraIrra hedduun namaas kafaruu malee [amanuu] ni didan.
آية رقم 52
Kaafirootaaf hin ajajaminii isaan (Qur’aana kanaan) qabsoo guddaa isaan irratti qabsaa’i.
Inni Isa galaana lama, tokko mi’aayaa dhugaatiif mijaa’uu, kaan immoo soogiddoo kuraawaa ta’e, wal maddii qabee gadi dhiisee jidduu isaan lamaanittis dawoofi daangaa daangeffamaa taasiseedha.
آية رقم 56
Nutis gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine
Inni Samiifi Dachii, akkasumas waan isaan lamaan gidduu jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (haala isaaf maluun) ol ta’e; (Inni) RahmaaniKanaaf haala keessa beekaa ta’een isa gaafadhu.
آية رقم 64
Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha
آية رقم 66
Dhugumatti, isheen iddoo qubannaafi jireenyaa ta’uun fokkattee jirti.”
Ammas (gabroonni Rabbii) isaan yeroo arjooman karaa malee hin balleessineefi hin donnoomne kan gidduu kanatti (kennaan isaanii) sirrii ta’eedha.
آية رقم 69
Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifamaIsa keessa salphifamaa ta’ee yeroo hunda jiraatas.
Ammas (gabrooni Rabbii) isaan ragaa cubbuu hin baaneefi yeroo tapha bira qaxxaamuranis kabajaadhaan qaxxaamuraniidha.
Ammas isaan yeroo keeyyattoota Gooftaa isaanitiin yaadachiifaman [kan hubataniifi fudhatan ta’anii malee] duudaafi jaamaa ta’anii ishee irratti hin kufneedha.
Ammas warra “Gooftaa keenya! Niitolii keenyaafi sanyii keenyas gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenniWarra Rabbiin sodaataniifis imaama (dursaa) nu taasisi” jedhanuudha.
Isaan sun waan obsaniif jecha (Jannata keessatti) iddoo ol aanaa ta’e (gamoo) mindeeffamuIshee keessattis kabajaafi nageenya qunnamu
آية رقم 76
Ishee keessa yeroo hunda jiraatuIsheen iddoo qubannaafi jireenyaa kan akkaan miidhagdeedha
Jedhi: “Odoo kadhaan (Iimaanni) keessan jiraachuu baatee, silaa Gooftaan kiyya homattuu isin hin lakkaa’u tureDhugumatti isin sobsiiftanii jirtuKanaaf adabbiin (isiniif qophaa’e) kan yeroo hunda isin waliin jiraatu ta’a.”
تقدم القراءة