سورة العنكبوت

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة العنكبوت باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

Dhugumatti, isaan ba’aa isaaniitiifi ba’aa biraas kan isaanii wajjin ni baadhatuDhugumatti, isaan waan soba uuman irraa Guyyaa Qiyaamaa ni gaafatamu
Dhugumatti, nabi Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra[Inni] waggaa kuma tokkoof, waggaan shantamni odoo hafuu isaan keessa tureOdoo isaan miidhaa hojjattoota ta’anii jiranii bishaaniin dhidhimfamuun isaan qabe.
آية رقم 15
Isaafi warra doonii (keessa turan) ni baraarsine; aalama hundaaf mallattoo ishee goone.
Isaan keeyyattoota Rabbiitiifi qunnamtii Isaatti kafaran, isaan sun rahmata kiyya irraa abdii kutatanii jiruIsaan sun adabbii laaleessaa ta’etu isaaniif jira.
Luuxiinis yeroo inni ummata isaatiin “dhugumatti, isin gocha fokkataa kan aalama hunda irraa ummanni tokkollee isin dura hin hojjatin raawwattu” jedheen (erginee jirra).
آية رقم 30
(Luuxis) “Gooftaa kiyya! Ummata balleessitoota kanneen irratti na tumsi” jedhe.
(Ibraahiimis) “Dhugumatti Luux ishee keessa jira” jedhe(Maleykonnis) “nuti nama ishee keessa jiru akkaan beekna; dhugumatti, haadha manaa isaa kan warra hafan keessatti taatu malee isaafi maatii isaa ni baraarsina” jedhan.
آية رقم 35
Dhugumatti, Nuti ishee irraa namoota sammuu qabaniif mallattoo ifa taate hanbifnee jirra
Gara (ummata) Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra)Innis “Yaa ummata kiyya! Allaah qofa gabbaraaGuyyaa Aakhiraas sodaadhaaBalleessitoota taataniis badii dachii keessa hin tamsaasinaa” jedheen.
آية رقم 37
Isa kijibsiisanKirkirri (sochiin) lafaas isaan qabatteYoosuu ganda isaanii keessatti jilbeenfatanii dhumanii bulan.
Aadiifi Samuudiinis ni balleessine; (Isaan balleessuun keenyas) gandoota isaanii irraa ifa isiniif ta’ee jiraOdoo kan argan ta’anii jiranuu shayxaanni hojii isaanii isaaniif miidhagsee, karaa haqaa irraa isaan deebise
Qaaruuniin, Fir’awniifi Haamaaniinis (balleessineerra)Dhugumatti, Muusaan ragaa ifa ta’een isaanitti dhufeeti, dachii keessatti boonanii (isaan qabne)Kan Nu jalaa miliqanis hin taane
Adabatti si ariifachiisuOdoo beellamni beekamaan jiraachuu baatee silaa adabbiin (addunyaattis) isaanitti dhufa tureDhugumatti akka tasaa odoo isaan hin beekin isaanitti dhufa
آية رقم 59
[Isaan] warra obsaniifi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.
آية رقم 66
Waan nuti isaaniif kenninetti kafaruufi qanani’anuuf (Rabbitti qindeessu)Garuu (waan booddeen isaanii ta’u) fuula duratti ni beeku
Sila isaan namoonni moggaa isaaniitii (ajjeechaafi saamichaan) kan bubbutaman osoo ta’anuu akka nuti (Makkaa) iddoo kabajamaa, tasgabbaayaa taasifne hin ilaalanuu? Sila sobatti amananii ni’imaa Rabbiitti kafaruu?
Warra Nu (karaa keenya) keessatti qabsaa’an karaa keenya isaan qajeelchinaDhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira
تقدم القراءة