سورة فاطر

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة فاطر باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu(Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamuKan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidhaNamni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifiDeebi’iinsi garuma Rabbiiti.
Yoo si sobsiisanis, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiruErgamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan.
Akka Inni (Rabbiin) mindaa isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu)Dhugumatti, Inni araaramaa, galateeffataadha.
Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirraIsaan irraas nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jiraIsaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jiraSun isumatu tola guddaadha.
(Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa kan gonkumaa keessaa hin baane, kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa nu qubachiiseedha.
Isaanis ishee keessatti “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun ishee keessaa waywaatu“Sila umrii dheeraa namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsaan hin jiru.”
“Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin ala gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaaSila samii (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif ni jiraa? Moo kitaaba isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran isaaniif kenninee? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu.
تقدم القراءة