سورة الزخرف

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة الزخرف باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 2
Kitaaba addeessaa ta’eenin kakadha.
آية رقم 8
Humnaan isaan irra cimoo warra ta’an balleessinee jirraFakkeenyi warra jalqabaa dabreera.
آية رقم 16
Sila waan uumu irraa ilmaan dubaraa (ofiif) taasifatee, isin immoo ilmaan dhiiraatiin isin filee?
(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufee jiruu (hordoftuu)?” jedhe(Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan.
Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhes [yaadadhu]:“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha.
Dhugumatti, isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga dhugaafi ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufuttin qanansiise.
آية رقم 34
Manneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre).
آية رقم 37
Isaanis karaa (Rabbii) irraa isaan dhorgu; isaan immoo karaa qajeelaa irra waan jiran of se’u.
Yeroo Nutti dhufe “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedhaHiriyichi waa fokkate!
آية رقم 41
(Yaa Muhammad!) yoo si deemsifnellee, Nuti isaan irraa haaloo ba’achuuf jirra.
آية رقم 42
Yookiin isa waadaa isaaniif galle yoo sitti agarsiifnes, Nuti isaan irratti danda’oodha.
Yoo akkas ta’e maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin ta’anii maaliif hin dhufne?” (jedhe).
آية رقم 55
Yeroo isaan Nu dallansiisan, haaloo isaanitti baanee, hunda isaaniituu dhidhimsine.
آية رقم 56
Dhaloota isaan boodaatiif hangafaafi fakkeenya isaan taasifne.
Dhugumatti, Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne malee waan biraa miti.
Iisaan yeroo ragaalee ifa ta’aniin dhufe, ni jedhe: “Dhugumatti, ani beekumsaanin isinitti dhufe; ammaas akkan garii waan isin keessatti wal dhabdanii isiniif ibsuufin (dhufe.) Rabbiin sodaa dhaa; anaafis ajajamaa.
آية رقم 70
Isiniifi haadholiin manaa keessanis gammadaa jannata seenaa” (isaaniin jedhama).
آية رقم 75
(Adabichi) Isaan irraa hin salphifamu; isaanis ishee keessatti abdii muratoodha.
(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee akka du’a nutti murteessu (nuuf gaafadhuu)” lallabu(Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe.
آية رقم 78
hugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufnee turreGaruu irra baay’een keessan haqa jibbitoota turtan.
آية رقم 81
(Yaa Muhammad!) jedhi: “odoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (isa) gabbaraniiti.”
آية رقم 82
Rabbiin samiifi dachii kan Gooftaa arshii ta’e waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera.
آية رقم 83
Hanga guyyaa isaanii, isa waadaa galaman qunnamanitti (dhara keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.
Inni mootummaan samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu kan Isaa ta’e, kan beekumsi Qiyaamaas Isa bira jiru, kan gara Isaatti deebifamtan sun toltuun isaa baay’ate.
آية رقم 88
Jechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira).
آية رقم 89
(Yaa Muhammad!) isaan irraa gara galii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru.
تقدم القراءة