ترجمة معاني سورة الدّخان باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
ﭑ
ﭒ
Haa Miim.
آية رقم 2
ﭓﭔ
ﭕ
Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha).
آية رقم 3
Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra.
آية رقم 4
ﭠﭡﭢﭣﭤ
ﭥ
Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama,
آية رقم 5
Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra
آية رقم 6
Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.
آية رقم 7
(Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa).
آية رقم 8
Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati.
آية رقم 9
ﮍﮎﮏﮐﮑ
ﮒ
Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu.
آية رقم 10
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
ﮙ
Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi.
آية رقم 11
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
ﮠ
(Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha.
آية رقم 12
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
ﮧ
(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu).
آية رقم 13
Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata?
آية رقم 14
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
ﯗ
Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan.
آية رقم 15
Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha.
آية رقم 16
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
ﯦ
Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha.
آية رقم 17
Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe.
آية رقم 18
“Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe).
آية رقم 19
“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis.
آية رقم 20
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
ﭢ
“Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe.
آية رقم 21
ﭣﭤﭥﭦﭧ
ﭨ
Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”
آية رقم 22
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
ﭯ
Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe).
آية رقم 23
ﭰﭱﭲﭳﭴ
ﭵ
(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota.
آية رقم 24
Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.”
آية رقم 25
ﭾﭿﮀﮁﮂ
ﮃ
Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan.
آية رقم 26
ﮄﮅﮆ
ﮇ
Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis.
آية رقم 27
ﮈﮉﮊﮋ
ﮌ
Qananii ishee keessatti gammadaa turanis.
آية رقم 28
ﮍﮎﮏﮐﮑ
ﮒ
Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne.
آية رقم 29
Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre.
آية رقم 30
Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne.
آية رقم 31
Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera.
آية رقم 32
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
ﯔ
Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne.
آية رقم 33
Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine.
آية رقم 34
ﯝﯞﯟ
ﯠ
Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu:
آية رقم 35
“Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu.
آية رقم 36
ﯪﯫﯬﯭﯮ
ﯯ
Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
آية رقم 37
Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine.
آية رقم 38
Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne.
آية رقم 39
Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.
آية رقم 40
ﭑﭒﭓﭔﭕ
ﭖ
Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati.
آية رقم 41
Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha.
آية رقم 42
Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
آية رقم 43
ﭫﭬﭭ
ﭮ
Dhugumatti, mukni ‘Zaqquum’
آية رقم 44
ﭯﭰ
ﭱ
Nyaata dilaawaati.
آية رقم 45
ﭲﭳﭴﭵ
ﭶ
Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa.
آية رقم 46
ﭷﭸ
ﭹ
Akka danfuu bishaan ho’aatti.
آية رقم 47
ﭺﭻﭼﭽﭾ
ﭿ
(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa.
آية رقم 48
Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa.
آية رقم 49
ﮈﮉﮊﮋﮌ
ﮍ
Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee!
آية رقم 50
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
ﮔ
Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama).
آية رقم 51
ﮕﮖﮗﮘﮙ
ﮚ
Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa.
آية رقم 52
ﮛﮜﮝ
ﮞ
Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa.
آية رقم 53
ﮟﮠﮡﮢﮣ
ﮤ
Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu
آية رقم 54
ﮥﮦﮧﮨ
ﮩ
Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne
آية رقم 55
ﮪﮫﮬﮭﮮ
ﮯ
Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu.
آية رقم 56
Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse.
آية رقم 57
Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha
آية رقم 58
ﯦﯧﯨﯩﯪ
ﯫ
Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne.
آية رقم 59
ﯬﯭﯮ
ﯯ
(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha.
تقدم القراءة