سورة محمد

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة محمد باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

Yeroo warra kafare qunnamtan morma dhawaaYeroo isaan baay’ee ajjeeftan, hidhaa jabeessaaSana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa)Dubbiin kanaRabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahataGaruu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jechaWarra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu
آية رقم 5
Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha.
آية رقم 8
Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha(Rabbiin) dalagaa (hojii) isaaniis ni balleessa.
آية رقم 9
Kun waan isaan (Qur’aana) Rabbiin buuse jibbaniifiKanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii duraa balleesse.
Sila inni ragaa ifa ba’aa Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee, fedha lubbuu isaanii hordofanii ni ta’aa?
Fakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaataniif waadaa galamee (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’e, laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa ta’etu jiraAmmas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira(Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii?
آية رقم 17
Isaan karaa qajeelaa hordofan, (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne.
Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki; dilii keetiifis araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu)Rabbiin sochii keessaniifi iddoo isin qubattanis ni beeka.
آية رقم 27
Yeroo maleeykonni fuula isaaniitiifi dugda isaanii rukutuun isaan ajjeesan akkam tahuu taa’an?
Kun waan isaan wanta Rabbiin dallansiisu hordofanii jaalala Isaa (Rabbii) jibbaniifiKanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii balleesse.
آية رقم 31
Hanga qabsaa’otaafi obsitoota isin irraa adda baafnee, oduu keessanis hanga mul’ifnutti isin mokkorra.
Hin dadhabinaa; haala isinumti gubbaa aantanii jirtanuun gara araaramaatti hin waaminaaRabbiin isin waliin jira; (mindaa) dalagaa keessaniis hin hir’isu.
آية رقم 37
Yoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) iccitii keessan ni baasa.
تقدم القراءة